Qayyabannaa 33
Malaan Dubbachuu
NAMNI malaan dubbatu, namoota utuu hin mufachiisin isaanii wajjin jiraachuu dandaʼa. Akkamittiifi yoom dubbachuu akka qabus beeka. Akkas jechuun garuu, wanta sirrii taʼe gochuurraa dubbatti jedha ykn dhugaasaa jalʼisa jechuu miti. Malaan dubbachuufi nama sodaachuun garaagarummaa qaba.—Fak. 29:25.
Wanti malaan dubbachuuf nu gargaaru inni guddaan ija hojii hafuuraa horachuudha. Kanaaf namni jaalala qabu namoota gargaaruu malee namoota aarsuu hin barbaadu. Namni gaariifi gara laafessa taʼe, wanta hunda tasgabbiidhaan raawwata. Namni naga qabeessa taʼe namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf yaalii godha. Namni obsa qabu wanti isa aarsu yoo isa mudatellee of qaba.—Gal. 5:22, 23.
Haataʼu malee, ergaan Macaafa Qulqulluu karaa kamiiniyyuu yoo itti himame namoonni tokko tokko ni dheekkamu. Yihudoonni jaarraa jalqabaa hedduun garaansaanii hamaa waan taʼeef, Yesus Kiristos “dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisus” isaanitti taʼee ture. (1 Phe. 2:7, 8) Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka lallabu hojii isaaf kenname ilaalchisee, “Ani ibidda lafa irra buusuudhaafan dhufe” jedheera. (Luq. 12:49) Harʼas ergaan waaʼee Mootummaa Yihowaa ilaalchisee dubbatamu dhimma ariifachiisaa namoonni hubachuu qaban siʼa taʼu, ilmaan namootaa olaantummaa Uumaasaanii amananii fudhachuu qabu. Ergaan Macaafa Qulqulluu Mootummaan Waaqayyoo biyya lafaa isa hamaa kana dhiheenyatti akka balleessu dubbatu namoota hedduu ni dheekkamsiisa. Nuyi garuu akka Waaqayyo nu abboometti waaʼee Mootummaa kanaa lallabuu keenya itti fufna. Taʼus yommuu akkas goonu, gorsa Macaafa Qulqulluu isa, “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta dandaʼamu hundumaa godhaa!” jedhu hin dagannu.—Rom. 12:18.
Malaan Dhugaa Baʼuu. Waaʼee amantii keenyaa namootatti himuuf carraa hedduu qabna. Tajaajilarratti qofa utuu hin taʼin, firoota keenyaaf, namoota wajjin hojjennuufi wajjin barannuuf karaa itti dhugaa baanu argachuuf carraa barbaaduun keenya hin oolu. Haalawwan kana hunda keessatti malaan dubbachuun barbaachisaadha.
Ergaa Mootummichaa karaa dogoggorasaanii sirreessaa akka jirru fakkeessuun namootatti yoo himne ergaa kana fudhachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Utuu si hin gaafatin ykn gargaarsakee utuu hin barbaadin wanta sirreessuu qaban yoo itti himte aaruu dandaʼu. Namoonni kun yaada keenya karaa dogoggora taʼeen akka hin hubanne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Karaa michooma argisiisuun dubbachuun keenya nu gargaaruu dandaʼa.
Dhimma xiyyeeffannaa nama tokkoo hawwatu kaasuudhaan maree jalqabuuf yaalii godhi. Namni sun firakee, nama wajjin hojjettu ykn wajjin barattu yoo taʼe, wanti xiyyeeffannaasaa hawwatu maal akka taʼe beekta taʼa. Nama kanaan dura argitee hin beekne tokkoo wajjinillee, oduu sabqunnamtiirraa dhageesse ykn gaazexaarraa dubbiste kaasuudhaan maree jalqabuu dandeessa. Yeroo baayʼee dhimmi akkasii namoota hedduu kan yaaddessu taʼuu dandaʼa. Manaa gara manaatti yommuu tajaajiltu, wantoota tokko tokko xiyyeeffannaadhaan ilaali. Faayaan ykn ashaangulliitiin mana keessatti argamu, meeshaan amantii ykn wanti konkolaataasaaniirratti maxxanfame, wanti xiyyeeffannaasaanii hawwatu maal akka taʼe akka hubattu si gargaaruu dandaʼa. Nama haasofsiistu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Wanti inni dubbatu fedhiifi ilaalchasaa caalaatti akka hubattu ykn ilaalcha keerratti sirreeffama akka gootuufi nama kanaaf dhugaa baʼuuf maal gochuu akka qabdu si hubachiisuu dandaʼa.
Yeroo mariʼattan, yaada Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanii qophaaʼanirraa argatteefi dhimma irratti mariʼachaa jirtanii wajjin walitti dhufeenya qabu itti himi. Haataʼu malee maree sanarratti ati qofti hin dubbatin. (Lal. 3:7) Yaadasaa ibsuu ni barbaada taanaan innis akka dubbatu godhi. Yaadaafi ilaalchasaa yommuu ibsu dhaggeeffadhu. Kana gochuunkee malaan dubbachuu akka dandeessu carraa sii banuu dandaʼa.
Yaada tokko dubbachuukee dura wanta namichatti dhagaʼamuu dandaʼu yaadi. Fakkeenyi 16:23, ‘Ogeessa itti yaadee dubbatu’ ni jaja. Jechi afaan Ibrootaa caqasa kanarratti itti hojjetame fageessanii yaaduufi hubannaa qabaachuu argisiisa. Kanaaf, jechi kun namni tokko wanta sirrii hin taane dubbachuurraa of qusachuuf dhimma sanarratti yaadee arrabasaa toʼachuusaa argisiisa. Fakkeenyi 12:18, “Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana” jechuudhaan dubbii akkasiirraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Namoota utuu hin aarsin Dhugaa Macaafa Qulqulluu itti himuun ni dandaʼama.
Jechoota itti fayyadamtu hubannaadhaan filachuukee qoftillee, wanta maree keessaniif gufuu taʼu hambisuuf si gargaaruu dandaʼa. Namni haasofsiistu jecha “Macaafa Qulqulluu” jedhutti gargaaramuunkee isa hin gammachiisu taanaan, jecha “caaffata qulqullaaʼoo” ykn “kitaaba yeroo ammaatti afaan 2,000 oliin maxxanfame” jedhutti fayyadamuu dandeessa. Macaafa Qulqulluurraa kan caqastu yoo taʼe, ilaalcha namni sun macaafa kanaaf qabu gaafachuufi ilaalchasaa tilmaama keessa galchuudhaan wajjin mariʼachuu dandeessa.
Malaan dubbachuun yeroo baayʼee yoom dubbachuu akka qabdu hubachuus ni dabalata. (Fak. 25:11) Yaada namni sun kenne hundatti walii galta jechuu taʼuu baatus, yeroo inni yaada Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin simne dubbatu hundaatti yaadasaa sirreessuu qabda jechuu miti. Wanta hundumaa takkaatti itti himuuf hin yaalin. Yesus bartootasaatiin, “Ani waan baayʼee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan” jedheera.—Yoh. 16:12.
Barbaachisaa taanaan nama haasofsiistu galateeffadhu. Namni kun kan falmu yoo taʼeyyuu, yaada akka isa galateeffattu si godhu dubbata taʼa. Phaawulos falaasota Ateenaa, Aariyophaagos keessa turanii wajjin yommuu dubbate akkas godhee ture. Falaasonni kun ‘isatti falmaa’ turan. Haataʼu malee, utuu isaan hin aarsin ergaasaa dabarsuu kan dandaʼe akkamitti? Namoota kanaa wajjin mariʼachuusaa yeroo muraasa dura, iddoo aarsaa waaqayyoliisaaniitiif qopheessan akka gaariitti ilaalee ture. Namoonni Ateenaa waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuusaaniitti isaan balaaleffachuu mannaa, namoota amantii waan taʼaniif isaan galateeffateera. “Isin karaa hundumaa warra amantii akka isin taatan nan arga” isaaniin jedheera. Akkas gochuunsaa, ergaa waaʼee Waaqa isa dhugaa dubbatu isaanitti himuuf isa gargaareera. Kanaan kan kaʼes namoonni tokko tokko amantoota taʼaniiru.—HoE. 17:18, 22, 34.
Mormiin yoo kaʼe hin dinqisiifatin. Kanaa mannaa of toʼadhu. Haalli kun, waaʼee nama sanaa caalaatti beekuuf carraa akka sii banetti ilaali. Ilaalchasaa waan sii ibseef isa galateeffachuu dandeessa. Haasaakee gargar kutee, “Amantii mataakoo qaba” yoo siin jedhe maal gochuu dandeessa? “Jireenyakee guutuu nama amantii turtee?” jettee malaan isa gaafachuu dandeessa. Deebiisaa erga dhaggeeffattee booda, “Yeroo namoonni hundi amantii tokko hordofan ni dhufa jettee yaaddee beektaa?” jedhii gaafadhu. Kun maree dabalataa gochuuf karaa sii banuu dandaʼa.
Ilaalcha sirrii ofiif qabaachuun keenyas malaan dubbachuuf nu gargaara. Daandiin Yihowaa qajeelaa, Dubbiinsaas dhugaa taʼuusaa guutummaatti ni amanna. Kanaaf, waaʼee wantoota kanaa haala akka itti amannu argisiisuun dubbanna. Haataʼu malee, garmalee qajeelota of gochuu hin qabnu. (Lal. 7:15, 16) Dhugaa waan barreefi eebba Yihowaa waan arganneef ni galateeffanna. Haataʼu malee, ayyaana Yihowaa kan arganne gaarummaasaafi amantii Yesusirratti qabnuun malee, qajeelummaa keenyaan akka hin taane ni hubanna. (Efe. 2:8, 9) ‘Amantiitti qabamnee jiraachuufi dhiisuu keenya of ilaaluufi of qoruu’ akka qabnu beekna. (2 Qor. 13:5) Kanaaf, abboommii Waaqayyoo eeguun barbaachisaa taʼuusaa yeroo namootatti himnu, nuyis gad of deebsinee gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra ni oolchina. Namootatti faraduuf aboon nuuf hin kennamne. Yihowaan ‘firdii hundumaa harka ilma isaatti waan kenneef,’ hundumti keenya barcuma firdiisaa duratti dhihaannee waan hojjenneef deebii kennina.—Yoh. 5:22; 2 Qor. 5:10.
Maatiifi Namoota Hidhata Amantii Keenya taʼanitti. Malaan dubbachuu kan qabnu tajaajilarratti qofa miti. Malaan dubbachuun karaa itti ija hojii hafuuraa argisiisnu waan taʼeef, miseensota maatii keenyattis kana gochuu qabna. Jaalalli miira namootaatiif of eeggannoo akka goonu nu kakaasa. Asteer Mootittiin abbaan manaashee nama Yihowaa hin waaqeffanne yoo taʼellee, isaaf ulfina kenniteetti; akkasumas dhimma tajaajiltoota Yihowaa ilaallatu malaan isatti himteetti. (Asteer boq. 3-8) Miseensota maatii keenya warra Yihowaa hin waaqeffannee wajjin yommuu mariʼannus, waaʼee amantii keenyaa ibsuu mannaa, akkaataa jireenyaa keenyaan dhugaa akka fudhatan gochuu dandeenya.—1 Phe. 3:1, 2.
Namoota hidhata amantii keenya taʼan akka gaariitti waan beeknuuf qofa, akka barbaanne ykn karaa gaarummaa hin argisiisneen itti dubbanna jechuu miti. Gaʼeessota waan taʼaniif hin miidhaman jennee yaaduu hin qabnu. “Ani akkasumattan dubbadha” jennee sababii dhiheessuu hin qabnu. Akkaataan itti dubbannu namoota akka mufachiisu yoo hubanne, sirreeffama gochuuf murtoo gochuu qabna. ‘Jaalalli hoʼaan waliif qabnu,’ ‘warra amantii keessa jiraniif gaarii akka hojjennu’ nu kakaasuu qaba.—1 Phe. 4:8, 15; Gal. 6:10.
Yommuu Haasaa Dhiheessinu. Obboloonni haasaa dhiheessanis malaan kan dubbatan taʼuu qabu. Dhaggeeffattoonni haalliifi akkaataan guddinasaanii garaagaradha. Karaa hafuuraas guddinni isaan qaban garaagaradha. Isaan keessaa tokko tokko yeroo jalqabaatiif walgaʼiirratti kan argaman taʼuu dandaʼu. Warri kaanimmoo, rakkina namni haasaa dhiheessu hin beekneefi isaan yaaddessu qabu taʼa. Namni haasaa dhiheessu dhaggeeffattoota akka hin mufachiisne maaltu isa gargaaruu dandaʼa?
Gorsa Phaawulos, ‘Maqaa nama tokkoo illee hin balleessin, garraamii taʼi, nama hundumaatti karaa hundumaa gara-laafina argisiisi’ jechuudhaan Tiitoosiif kenne hojiirra oolchuuf carraaqqii godhi. (Tit. 3:2) Akkaataa dubbii biyyi lafaa namoonni sanyii, afaaniifi qomoodhaan akka wal tuffatan argisiisutti fayyadamuurraa of qusadhu. (Mul. 7:9, 10) Ulaagaa Yihowaan baase hubadhu, ulaagaa kanas hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu argisiisi; haataʼu malee, haala namoota guutummaatti daandii Yihowaarra deddeebiʼuu hin jalqabne yeellaasisuun hin dubbatin. Kanaa mannaa, hundisaanii fedhiin Yihowaa maal akka taʼe akka hubataniifi wanta isa gammachiisu akka raawwatan isaan jajjabeessi. Gorsa yommuu kennitu garaadhaa isaan galateeffadhu. Akkaataan dubbiifi sagaleenkee jaalala obbolummaa hundi keenya waliif qabaachuu qabnu kan argisiisu haataʼu.—1 Tas. 4:1-12; 1 Phe. 3:8.