Sagantaa Torban Amajjii 12 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 12 JALQABU
Faarfannaa 25 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
jl barumsa 17-18 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iya. 21-24 (Daq. 8)
Lakk. 1: Iya. 24:14-21 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Hojii Lallabaarratti Hirmaachuuf Maalfaatu Godhamuu Qaba?—bh boq. 18 key. 8-11 (Daq. 5)
Lakk. 3: Yihowaan Uumaa Humna Guddaa Qabudha—igw ful. 2 key. 4–ful. 3 key. 1 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
YAADA IJOO JIʼICHAA: ‘Karaa hundumaan of gad deebisuudhaan, gooftaadhaaf hojjedhaa.’—HoE. 20:19.
Daq. 10: Karaa Hundumaan Gad Of Deebisuudhaan Gooftaadhaaf Hojjedhaa. Mareedhaan kan dhihaatu. Hojii Ergamootaa 20:19 dubbisi. Achii gaaffii armaan gadii irratti yaada akka kennan afeeri: (1) Jechi ‘hojjetaa’ jedhu maal argisiisa? (2) Karaan nuti Gooftaadhaaf hojjetaa taʼuu itti dandeenyu tokko tokko maal faʼi? (3) Gad of deebisuu jechuun maal jechuu dha? (4) Gad of deebisuun tajaajila keenya raawwachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
Daq. 20: “Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Dheekkamaniif Deebii Kennuu.” Mareedhaan kan dhihaatu. Mata duree kana irratti erga mariʼattanii booda, hojiin argisiisa gabaabaa kutaa lama qabuu fi haala naannoo keessan jiru irratti hundaaʼe lama akka dhihaatu godhi. Inni jalqabaa babalʼisaan tokko nama dheekkameef deebii gaarii hin taane yeroo kennu argisiisa. Isa lammaffaa irratti immoo babalʼisaan kun karaa dandeettii akka qabu argisiisuun deebii kenna. Obboloonni hundi yaada mata duree xiqqaa “Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali” jedhu jala jiru hojii irra akka oolchan jajjabeessi.
Faarfannaa 39 Fi Kadhannaa