Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Duula Bitootessa 17 Jalqabu
1. Duulli Bitootessa 17 jalqabu maalidha?
1 Ayyaanni Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajamu duʼa Yesus labsuuf nu gargaara. (1 Qor. 11:26) Kanaaf, namoonni kaan nuu wajjin ayyaana kanarratti argamuudhaan waaʼee furii Yihowaan jaalalaan kakaʼee nuu kennee akka dhagaʼan barbaanna. (Yoh. 3:16) Waggaa kana, duulli namoonni Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman afeeruuf goonu Sanbadduraa, Bitootessa 17 eegala. Duula kanarratti guutummaatti hirmaachuuf qophaaʼaa jirtaa?
2. Waraqaa afeerrii kana maal jennee raabsuu dandeenya?
2 Akkaataa Dhiheenyaa: Akkaataa dhiheenyaa gabaabaa taʼetti fayyadamuun baayʼee gaariidha. Akkas jechuu dandeenya: “Akkam jirtu? Ayyaana guddaa Ebla 5 addunyaa maratti kabajamu tokkorratti maatii keessanii wajjin akka argamtaniif isin afeeruu dhufne. Yesus duʼuunsaa maal akka raawwateefi yeroo ammaatti maal akka gochaa jiru ilaalchisee haasaan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe ni dhihaata. Waraqaan afeerrii kun naannoo keenyatti iddoofi saʼaatii ayyaanni kun itti kabajamu qabateera.” Haallisaa mijaaʼaa yoo taʼe guyyoota dhuma torbaniitti, waraqaa afeerrii kanaa wajjin barruulee raabsuu dandeenya.
3. Hamma nuu dandaʼame namoota baayʼee afeeruu kan dandeenyu akkamitti?
3 Hamma Sii Dandaʼame Namoota Baayʼee Afeeruuf Carraaqi: Kaayyoon keenya hamma nuu dandaʼametti namoota hedduu afeeruudha. Kanaafuu, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu, namoota deddeebii gaaffii gootuuf, firootakee, namoota wajjin hojjettu, namoota wajjin barattuufi namoota beektu hundumaa afeeruu hin dagatin. Naannoo tajaajilaakee akkamitti akka waliin geessu ilaalchisee jaarsoliin gorsa sii kennuu dandaʼu. Ayyaana Yaadannoorratti namoota afeeruuf duulli nuti waggaa waggaadhaan goonu buʼaa qaba. Waggaa darbe, dubartiin tokko gara bakka walgaʼiin itti geggeeffamu dhuftee ennaa ol galtu, keessummeessaan tokko nama afeereen akka argattu gargaaruuf ishee gaafate. Haataʼu malee, dubartiin sun guyyaa sana waaree booda nama manaa gara manaatti tajaajilu tokkorraan waraqaa afeerrii fudhadhee malee as keesssaa nama tokkoyyuu hin beeku jetteen.
4. Duula godhamu irratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf sababiiwwan nu kakaasan maalfaʼi?
4 Tarii namoota Ayyaana Yaadannoo sanarratti argaman keessaa tokko nama ati waraqaa afeerrii kennituuf taʼuu dandaʼa taʼa. Namni ati afeertu dhufus dhufuu baatus carraaqqiin ati gootu dhuga baʼuuf gargaara. Waraqaan afeerraa ati raabsitu Yesus yeroo ammaa Mootii aangoo guddaa qabu taʼuusaa ibsa. Namoonni naannoo tajaajilaakee jiraniifi babalʼistoonni hidhatakee taʼan hirmaannaa ati hinaaffaadhaan gootu ni ilaalu, hunda caalaammoo Yihowaan dinqisiifannaa ati furii inni sii kenneef argisiiftu ni ilaala.—Qol. 3:15.