Sagantaa Torban Ebla 9 Jalqabu
TORBAN EBLA 9 JALQABU
Faarfannaa 42fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
wp08 7/1ful. 12 key. 1-ful. 14 key. 4 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Er. 22-24 (Daq. 10)
Lakk. 1: Er. 23:15-23 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Addunyaa Haaraa Keessa Jiraachuun Kan Nama Hin Nuffisiisne Maaliifi? (Daq. 5)
Lakk. 3: Mootummaan Waaqayyoo Ilmaan Namootaa Hundaaf Nyaata Gaʼaa Ni Argamsiisa, Akkasumas Dhukkuba Ni Dhabamsiisa—rs ful. 229, key. 6-8. (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Kitaaba Waggaa 2012tti (Ingiliffa) Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa. Mataduree “Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame” jedhutti akka seensaatti fayyadami. Achiis, obboloonni mataduree “Yaada Ijoo Waggaa Darbee” jedhurra yaada nama jajjabeessu taʼee argatan ykn muuxannoo akka dubbatan afeeri. Ittaansuudhaanis, dhaggeeffattoonni gabaasa addunyaa maraa keessaa wanta isaan dinqisiise akka dubbatan afeeri. Hundisaanii Kitaaba Waggaa dubbisanii akka xumuran jajjabeessuudhaan xumuri.
Daq. 15: “Malawwan Dandeettii Barsiisuukee Fooyyessuuf Si Gargaaran Sadan.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 2rratti yeroo mariʼattan, babalʼisaan tokko , kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu, fuula 3 keeyyata jalqabaatti fayyadamee hojiin argisiisa yeroo nama tokko haasofsiisu argisiisu akka dhiheessu godhi. Babalʼisichi yaada Iyoob 10:15rra jiru nama haasofsiisuuf erga dubbisee booda, Iyoob eenyu akka taʼe ilaachisee daqiiqaa tokkoo hanga lamaa taʼuuf ibsa kenna. Achiis, ibsi balʼaan Iyoobiin ilaalchisee kenname sirrii taʼullee, kun mala barsiisuu gaarii kan hin taane maaliif akka taʼee dhaggeeffattoota gaafadhu.
Faarfannaa 10fi Kadhannaa