Malawwan Dandeettii Barsiisuukee Fooyyessuuf Si Gargaaran Sadan
1. Dandeettii barsiisuu keenya fooyyessuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?
1 Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi barsiistotadha. Guyyaa jalqabaa namoota yommuu haasofsiisnu, fedhiisaanii guddisuuf deddeebii gaaffii yeroo goonu ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessinu namoota kaan barsiisaa jirra. Barumsi barsiisnus baayʼee barbaachisaa kan taʼedha. “Caaffata qulqullaaʼaa” ‘akka fayyaniif ogummaa isaaniif kennuu’ dandaʼu akka argatan gargaaraa jirra. (2 Xim. 3:15) Kun mirga guddaa mitiiree? Malawwan dandeettii barsiisuu keenya fooyyessuuf nu gargaaran sadan armaan gaditti ibsamaniiru.
2. Karaa salphaa taʼeen barsiisuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Karaa Salphaa Taʼeen Barsiisuu: Barumsa tokko ofii keenyaa akka gaariitti kan beeknu yoo taʼe, barumsichi nama waaʼeesaa hin beeknetti hangam ulfaachuu akka dandaʼu dagachuu dandeenya. Kanaaf yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinu, ibsa balʼaa barbaachisaa hin taane dubbachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, yaadawwan ijoo barumsichaa addeessi. Barsiisaa gaarii taʼuuf baayʼee dubbachuun barbaachisaa miti. (Fak. 10:19) Yeroo baayʼee caqasawwan ijoo taʼan qofa dubbisuun gaʼaadha. Caqasichi erga dubbifamee booda, jechoota barumsichaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti xiyyeeffadhu. Lallabni Yesus Gaararraatti lallabeefi Maatewos boqonnaa 5 hanga 7rratti argamu, Yesus karaa salphaafi jechoota filataman muraasa qofatti fayyadamee dhugaawwan bakka guddaa qaban hedduu akka barsiisee argisiisa.
3. Fakkeenyotatti fayyadamuun buʼaa maalii qaba? Yeroo baayʼee fakkeenyonni caalaatti buʼa qabeeyyii taʼanoo kan akkamiiti?
3 Fakkeenyotatti Fayyadamuu: Fakkeenyonni, namni tokko akka yaadu, miirrisaa akka kakaʼuufi wanta barate sirriitti akka yaadatu gochuuf gargaaru. Fakkeenyota gaarii taʼanitti fayyadamuuf baayʼee beekaa taʼuun qaba jettee yaaduu hin qabdu. Yesus yeroo baayʼee fakkeenyota gaggabaaboofi salphaa taʼanitti fayyadama ture. (Mat. 7:3-5; 18:2-4) Fakkii salphaan waraqaa xinnoorratti kaafames buʼa qabeessa taʼuu dandaʼa. Dursitee qophii gaarii yoo goote fakkeenyota gaarii argachuu dandeessa.
4. Gaaffiiwwanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Gaaffiiwwanitti Fayyadamuu: Gaaffiiwwan baratichi dhimma tokkorratti akka yaadu gargaaru. Kanaaf, erga gaaffii gaafattee booda hanga inni deebii kennutti eegi. Ofuma keetiin daftee deebisaa yoo kennite, baratichi barumsicha hubachuufi dhiisuusaa beekuu hin dandeessu. Baratichi deebii sirrii yoo kennuu baate, isa sirreessuu mannaa gaaffiiwwan dabalataa isa gaafachuudhaan xumura sirriirra akka gaʼu isa gargaaruun gaarii taʼuu dandaʼa. (Mat. 17:24-27) Hundi keenyayyuu, barsiisaa mudaa hin qabne taʼuu akka hin dandeenye beekamaadha. Macaafni Qulqulluun barumsa barsiisnuuf xiyyeeffannaa akka kenninu kan nu jajjabeessu kanumaafidha. Akkas gochuun keenya nuufis taʼe namoota nu dhaggeeffataniif faayidaa barabaraa argamsiisa.—1 Xim. 4:16.