LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/09 ful. 1
  • Karaa Salphaa Ta’een Barsiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaa Salphaa Ta’een Barsiisaa
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Malawwan Dandeettii Barsiisuukee Fooyyessuuf Si Gargaaran Sadan
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Salphaatti Kan Namaa Galu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • “Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Qabxiiwwan Gurguddaa Addeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 5/09 ful. 1

Karaa Salphaa Ta’een Barsiisaa

1. Karaa salphaafi bu’a qabeessa ta’een barsiisuuf wanti nurra eegamu inni tokkoffaan maalidha?

1 Karaa salphaa ta’een barsiisuun, namoonnii dhugaa akka baratan gargaaruuf baay’ee barbaachisaadha. Akkaataa Barsiisaa Guddichi Yesus itti barsiise hordofuun keenya, dandeettii ‘barsiisuu’ keenya akka fooyyeffannu nu gargaara.—2 Xim. 4:2; Yoh. 13:13.

2. Karaa salphaa ta’een barsiisuun maalfaa dabalata? Karaa kanaan barsiisuun bu’aa akkamii argamsiisa?

2 Karaa Salphaa Ta’een Dubbadhaa: Lallabni Gaararraa dhugaa gadi fageenya qabu tokko tokko kan qabate si’a ta’u; lallabni kun karaa baay’ee salphaa ta’een kan dubbatamedha. (Mat. boq. 5-7) Namoonnii Yesusiin dhaggeeffachaa turan, akkaataa ‘barsiisasaa dinqisiifataniiru.’ Qondaaltonni akka isa qabaniif ergaman, dubbiisaatti waan tuqamaniif, “Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku” jedhan. (Mat. 7:28, 29; Yoh. 7:46) Namoonni dhugaatti akka amanan gochuuf, jechootaafi gaaleewwan salphaatti namaa hin galleen ykn fakkeenyawwan ibsa bal’aa barbaadanitti fayyadamuun nu hin barbaachisu. Jechoota yeroo hunda beekamoo ta’aniin fayyadamuudhaan, dhugaa akka gaariitti ibsuun ni danda’ama.

3. Babal’istoonni tokko tokkoo, takkaatti dhaggeeffattootasaanii waan baay’ee barsiisuu kan barbaaddan maaliifi? Kana gochuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Takkaatti Hammam Akka Barsiistan Tilmaamaa: Yesus takkaatti hammam akka isaan barsiisuu qabu murteessuusaa dura, dhaggeeffattootasaa tilmaama keessa galcha ture. (Yoh. 16:12) Nuyis keessumaa firoottan keenyaaf, namoota haaraadhaaf ykn ijoolleedhaaf yommuu dhugaa bannu, haala namoonni kun keessa jiran hubachuufi wanta isaan barbaachisu tilmaama keessa galchuu qabna. Namoonni kun akka gaariiti kan nu dhaggeeffatan yoo ta’aniyyuu, takkaatti waan baay’ee akka hin barsiisne of eeggannoo gochuu qabna. Namoonni garaa qajeelaa qaban, waa’ee Yihowaa barachuusaanii itti fufu.—Yoh. 17:3; 1 Qor. 3:6.

4. Dhimma tokkorratti ibsa bal’aa kennuu mannaa, ijoo dubbiirratti xiyyeeffachuun faayida qabeessa kan ta’e maaliif?

4 Ijoo Dubbiirraatti Xiyyeeffadhaa: Yesus dhimma tokkorratti ibsa bal’aa kennuudhaan, barumsa hubachuuf nama rakkisu hin barsiisne. Yeroo, ‘‘Warri du’anii awwaalaman . . . awwaala keessaa in ba’u’’ jedhetti, waa’ee namoota du’aa ka’an garagaraa lamaan ibsa bal’aa hin kennine. (Yoh. 5:28, 29) Yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, ijoo dubbii irraatti xiyyeeffachuu qabna malee, yaada barumsichaa wajjin hin adeemneefi kitaabicharra hin jirre kaasuun hin barbaachisu.

5. Karaa salphaa ta’een yoo barsiisne eebba akkamii arganna?

5 Yihowaan wanta baruu qabnu hunda karaa salphaa ta’een waan nu barsiisuuf, baay’ee isa galateeffanna! (Mat. 11:25) Karaa salphaa ta’een barsiisuuf of qopheessuudhaan, tajaajila bu’a qabeessa ta’e raawwachuurraa gammachuu haa argannu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi