LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 41 ful. 226-ful. 229 key. 1
  • Salphaatti Kan Namaa Galu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Salphaatti Kan Namaa Galu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Salphaatti kan Namaa Galu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Haasaa Sabaa Qophaaʼuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Karaa Salphaa Ta’een Barsiisaa
    Tajaajila Mootummaa—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 41 ful. 226-ful. 229 key. 1

Qayyabannaa 41

Salphaatti Kan Namaa Galu

Maal gochuu qabda?

Karaa dhaggeeffattoonni salphaatti hubachuu dandaʼaniin yaadakee ibsi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Barumsicha karaa salphaa taʼeen yoo dhiheessite dhaggeeffattoonni faayidaa guddaa irraa argatu.

YOMMUU dubbattu kaayyoonkee odeeffannoo dabarsuu qofa taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, karaa dhaggeeffattoonni salphaatti hubachuu dandaʼaniin dubbachuuf carraaqqii godhi. Akkas gochuunkee, obbolootattis taʼe namoota Dhugaa Baatota hin taanetti yommuu dubbattu, yaadakee akka gaariitti ibsuuf si gargaara.

Haasaan tokko salphaatti kan namaa galu akka taʼu gochuuf, malawwan garaagaraatti fayyadamuu dandeenya. Malawwan kana keessaa tokko tokko, Qayyabannaa 26⁠ffaa mataduree, “Barumsicha Karaa Nama Amansiisuun Qindeessuu” jedhu jalatti ibsamaniiru. Malawwan kaanimmoo, Qayyabannaa 30⁠ffaa mataduree “Namootaaf Akka Yaannu Argisiisuu” jedhu jalatti ibsamaniiru. Qayyabannaa kana keessattis qabxiiwwan muraasni ni ibsamu.

Jechootaafi Akkaataa Dhiheenyaa Salphaatti Fayyadami. Jechoota salphaafi himawwan gaggabaabaatti fayyadamuun yaada ofii akka gaariitti ibsuuf gargaara. Haasaan Yesus Lallaba isa Gaaraarratti dhiheesse, haasaa namoonni hundi salphaatti hubachuu dandaʼan dhiheessuun akka dandaʼamu ilaalchisee fakkeenya gaarii taʼa. Wanti inni dubbate namoota isa dhaggeeffachaa turaniif haaraa taʼuu dandaʼa. Taʼus wanti Yesus, gammadoo taʼuu, walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnu fooyyessuu, dhiphina moʼuufi jireenya kaayyoo qabu jiraachuu ilaalchisee dubbate, wantoota hunda keenya yaaddessan waan turaniif, namoonni sun wanta inni dubbate salphaatti hubachuu dandaʼaniiru. Akkaataan inni itti dubbates salphaafi hubachuuf kan nama hin rakkisne ture. (Mat. boq. 5-7) Macaafni Qulqulluun, akkaataa himni tokko itti ijaaramuufi hammam dheerachuu akka qabu ilaalchisee fakkeenya hedduu qabateera. Kaayyoonkee inni guddaan, yaadasaa karaa ifa taʼeefi salphaatti namaa galuun dhiheessuu taʼuu qaba.

Barumsi tokko ulfaataa taʼullee, akkaataan itti dhiheessitu salphaa yoo taʼe, dhaggeeffattoonni barumsicha hubachuun isaanitti hin ulfaatu. Maarree, akkaataa dhiheenyaakee salphaa gochuu kan dandeessu akkamitti? Yaada barbaachisaa hin taane balʼinaan hin ibsin. Haasaakee karaa qabxiiwwan gurguddaa ibsuuf si gargaaruun qindeessi. Caqasoota caalaatti barbaachisaa taʼan of eeggannoodhaan filadhu. Caqasoota filatte dubbistee bira darbuu mannaa, ibsa irratti kenni. Wanta hedduu dubbachuudhaan yaanni ijoon utuu hin hubatamin akka hafu hin godhin.

Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistus, seerawwan buʼuuraa kana hojiirra oolchuu dandeessa. Wantoota hunda balʼinaan ibsuuf yaalii gochuu mannaa, baratichi yaadawwan ijoo barumsichaa sirriitti akka hubatu gargaari. Yommuu qayyabannaa dhuunfaa godhu ykn walgaʼii gumiirratti yommuu argamu wantoota kana balʼinaan hubachuu dandaʼa.

Barumsa tokko karaa salphaatti namaa galuun dhiheessuun qophii gaarii gochuu gaafata. Dhaggeeffattoonni barumsicha salphaatti akka hubatan gochuu yoo barbaadde, jalqaba ofiikeetii sirriitti hubachuu qabda. Dhimma tokko akka gaariitti yoo hubatte sababiisaa ibsuu dandeessa. Jecha mataa keetiin dubbachuunis si hin rakkisu.

Jechoota Haaraa Taʼan Ibsi. Yeroo tokko tokko namoonni wanta dubbattu salphaatti akka hubatan gochuuf, jechoota haaraa taʼan ibsuun si barbaachisa. Dhaggeeffattoonni jechoota hunda beeku jettee bira darbuu ykn hin beekani jettee ibsuuf hin yaalin. Tarii Macaafa Qulqulluu waan qayyabatteef, jechoota haaraa namoonni kaan hin beekne tokko tokkotti fayyadamta taʼa. Jechoonni ‘kan hafan,’ ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa,’ “hoolota kan biraa,” akkasumas “tuuta sonaan baayʼee” jedhan hiika maalii akka qaban ifa gochuu baannaan, namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne jechoota kana hubachuu hin dandaʼan. (Rom. 11:5, hiika bara 1899; Mat. 24:45; Yoh. 10:16; Mul. 7:9) Haaluma wal fakkaatuun, namni tokko jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya yoo qabaate malee, jechoota “babalʼisaa,” “qajeelchaa,” “daawwataa olaanaa aanaa” fi “Ayyaana Yaadannoo” jedhaman utuu hin hubatin hafuu dandaʼa.

Jechoota Macaafa Qulqulluu, namoonni Dhugaa Baatota hin taane itti fayyadaman tokko tokkos ibsuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Namoonni hedduun jechi “Armaagedoon” jedhu badiisa niiwkularii argisiisa jedhanii yaadu. Jecha “Mootummaa Waaqayyoo” jedhu yommuu dhagaʼanis bulchiinsa akka taʼe utuu hin taʼin, wanta garaa namootaa keessa jiru ykn wanta samiirratti argamu akka taʼe godhanii yaadu. Jecha “lubbuu” jedhummoo, qaama ijaan hin argamneefi namni tokko yommuu duʼu foonsaarraa adda baatee jiraattudha jedhanii yaaduu taʼa. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jechi “hafuura qulqulluu” jedhu, qaama mataasaa kan qabuufi kutaa Sillaasee keessaa tokko akka taʼe amanu. Namoonni baayʼeen jireenya qulqulluu jiraachuu ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluurratti argamuun geggeeffamuu waan hin barbaanneef, Macaafni Qulqulluun “Halalummaa baqadhaa!” yommuu jedhu maal jechuusaa akka taʼe akka hubatan gochuuf gargaarsa isaan barbaachisa taʼa.—1 Qor. 6:18.

Namoota Macaafa Qulqulluu hin dubbisanetti, “Akka Phaawulos barreessetti” ykn “Akka Luqaas jedhetti” jettee kan dubbattu yoo taʼe, michuu ykn ollaa maqaa kanaan waamaman qabaachuu waan dandaʼaniif, waaʼee eenyuu dubbachaa akka jirtu hubachuu dhiisuu dandaʼu. Kanaaf, eenyummaa namoota kanaa caalaatti ifa gochuuf, jecha ergamaa ykn barreessitoota Macaafa Qulqulluu keessaa tokko jedhu itti dabaluun si barbaachisa taʼa.

Dhaggeeffattoonni yeroo ammaatti argaman yeroo baayʼee, jechoota bara duriitti safartuu argisiisuuf itti hojjetamaa turan ykn duudhaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman akka hubatan gargaaruuf ibsi dabalataa isaan barbaachisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, jecha markabni Nohi hojjete dheerinnisaa dhundhuma 300, balʼinnisaa dhundhuma 50, irraan oleensaa dhundhuma 30 ture jedhu hubachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. (Uma. 6:15) Haataʼu malee, dhaggeeffattoonni guddina markabichaa sirriitti akka hubatan gargaaruuf, jechoota kana jechoota isaan salphaatti hubachuu dandaʼaniin fayyadamtee ibsuu dandeessa.

Ibsa Barbaachisaa Taʼe Kenni. Dhimmi sun dhaggeeffattootaaf caalaatti ifa akka taʼu gochuuf, hiika sirrii jecha tokkoo dubbachuun qofti gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Bara Izraatti, Yerusaalemitti Seerichi erga dubbifamee booda ibsi irratti kennama ture. Lewwoonni, sabni sun wanta dubbifamu akka hubatu gargaaruuf, Seerichi hiika maalii akka qabuufi rakkina yeroo sanatti isaan mudatuuf akkamitti qajeelfama taʼee akka tajaajilu ibsu turan. (Nah. 8:8, 12) Atis caqasa tokko erga dubbistee booda, hiikasaa ibsuufi faayidaa caqasichi dhaggeeffattootaaf qabu ifa gochuun si barbaachisa.

Yesus erga duʼaa kaʼee booda, wantoonni isarratti raawwataman Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti raajiidhaan kan dubbataman taʼuusaanii bartootasaatiif ibseera. Waaʼee wantoota kanaa dhugaa baʼuuf itti gaafatamummaa akka qabanis jabeessee ibseera. (Luq. 24:44-48) Wanti namoonni baratan caalaatti ifa kan isaaniif taʼu, barumsichi jireenyasaaniirratti jijjiirama akkamii akka fidu sirriitti akka hubatan yoo gargaartedha.

Yaanni Garaa Murteessaadha. Ibsi kennitu hammamiyyuu kan namaa galu yoo taʼe, wantoonni namoonni kaan dhimma sana akka hubatan ykn akka hin hubanne godhan garabiraanis jiru. Fakkeenyaaf, namni tokko barumsicha fudhachuu hin barbaadu yoo taʼe, wanta jedhame utuu hin hubatin hafuu dandaʼa. (Mat. 13:13-15) Namoonni wantoota hunda ija fooniitiin ilaalan, wanti hafuuraa gowwummaa isaanitti fakkaachuu dandaʼa. (1 Qor. 2:14) Namni tokko ilaalcha akkasii kan qabu yoo taʼe yeroodhaaf maree sana dhaabuun gaarii taʼa.

Namoonni tokko tokko garuu, rakkina isaanirra gaʼeen kan kaʼe, wanta itti himtu fudhachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni akkasii yeroo baayʼee waaʼee Macaafa Qulqulluu dhagaʼuuf carraa yoo argatan, yaannisaanii jijjiiramuu dandaʼa. Yesus akka reebamuufi akka ajjeefamu yommuu isaanitti hime, bartoonnisaa wanta inni jechuu barbaade hin hubanne turan. Maaliif? Wanti kun wanta isaan ni taʼa jedhanii hin yaanneefi hin barbaanne waan tureefidha. (Luq. 18:31-34) Haataʼu malee, yeroo booda ergamoonni Yesus 11 barumsa inni barsiisee wajjin walsimanii jiraachuudhaan wanta inni dubbate hubachuusaanii argisiisaniiru.

Faayidaa Fakkeenya Taʼuun Qabu. Namoonni dhimma tokko caalaatti kan hubatan yeroo afaaniin itti himnu qofa utuu hin taʼin, akkaataa jireenyaa keenyaanis yommuu itti argisiisnudha. Namoonni baayʼeen guyyaa yeroo jalqabaatiif gara Galma Mootummaa itti dhufan yommuu yaadatan, wanti dafee gara sammuusaaniitti dhufu, jaalala dhugaa achitti argan malee barumsa dhagaʼan miti. Haaluma wal fakkaatuun, yommuu tajaajilarratti hirmaannu gammachuun fuula keenyarraa mulʼatu, namoonni hedduun dhugaa Macaafa Qulqulluu akka fudhatan isaan kakaaseera. Namoonni tokko tokkommoo, jaalala tajaajiltoonni Yihowaa waliif qabaniifi gaarummaa isaan namoota balaadhaaf saaxilamanitti argisiisan ilaaluudhaan, amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhugaadha jedhanii akka amanan isaan godheera. Kanaaf, namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf yommuu carraaqqii gootu, barumsicha akkamitti ibsuu akka qabdu qofa utuu hin taʼin, atis fakkeenya gaarii taʼuu akka qabdu yaadadhu.

KANA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Jechoota salphaa taʼanitti fayyadami; qabxiiwwan gurguddaa ifa gochuuf himoota gaggabaabaatti fayyadami.

  • Qabxiiwwan gurguddaa muraasarratti qofa xiyyeeffadhu.

  • Jechoota dhaggeeffattootaaf haaraa taʼan ibsi.

  • Caqasoota dubbistu ibsi; akkamitti hojiirra ooluu akka dandaʼanis ifa godhi.

  • Fakkeenya gaarii taʼuunkee dhaggeeffattootarratti jijjiirama gaarii akkamii akka fidu yaadi.

GILGAALA: Barumsa torban kana gumiitti baratte, firakee Dhugaa Baatuu hin taanetti, ollaakeetti, nama wajjin hojjettutti ykn nama wajjin barattutti himuu yaali. Jechoota namni haasofsiistu hin beeku jettee yaaddu ibsi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi