Sagantaa Torban Caamsaa 21 Jalqabu
TORBAN CAAMSAA 21 JALQABU
Faarfannaa 53fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
wp08 7/1 ful. 25 key. 1-ful. 26 key. 4 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Er. 44-48 (Daq. 10)
Lakk. 1: Er. 46:18-28 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Miidhaa Miseensota Maatiirratti Raawwatamuufi Karaa Hambisuun Itti Dandaʼamu—fy ful. 147-150, key. 14-22 (Daq. 5)
Lakk. 3: “Akka Yaada Hafuuraatti” Facaasuu Kan Dandeenyu Akkamitti?—Gal. 6:8 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Beeksisa. Barreeffama jiʼa Waxabajjiitti raabsamu erga ibsitee booda, hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Dargaggootaa Yeroo Boqonnaa Keessanitti Qajeelchaa Gargaaraa Taʼuu Ni Dandeessuu? Haasaadhaan kan dhihaatu. Yaadawwan kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu, fuula 113 keeyyata 1rra jiranirraa ulaagaalee qajeelchaa gargaaraa taʼuuf barbaachisan gabaabsii ibsi. Achiis, babalʼisaa yeroo boqonnaa mana barumsaa qajeelchaa gargaaraa taʼuuf itti fayyadame tokkoof ykn lamaaf gaafannoo godhi. Dargaggoonni yeroo boqonnaa mana barumsaasaanii ittaanutti qajeelchaa gargaaraa akka taʼan jajjabeessi.
Daq. 10: “Dhugaa Dubbachuu Kan Qabnu Maaliifi?” Mareedhaan kan dhihaatu.
Faarfannaa 41fi Kadhannaa