LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/12 ful. 2
  • Dhugaa Dubbachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Dubbachuu Kan Qabnu Maaliifi?
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkuma Ermiyaas Dammaqinaan Eeggadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Ermiyaas Waa’ee Yihowaa Dubbachuu Hin Dhiisne
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
Tajaajila Mootummaa—2012
km 5/12 ful. 2

Dhugaa Dubbachuu Kan Qabnu Maaliifi?

1 Sobni “1. dubbii ykn gocha sobaa nama tokko itti yaadamee gowwoomsuuf dubbatamu ykn godhamu . . . 2. wanta ergaa dogoggoraa dabarsu ykn gowwoomsuuf godhamu kamiyyuu” jedhamee hiikameera. Kaayyoonsaa namni soba dubbatu sun wanta ofiisaatii dhugaa akka hin taane beeku namoonni kaan akka amanan gochuudha. Namni akkasii sobuudhaan ykn wanta hamma tokko dhugaa of keessaa qabu dubbachuudhaan namoota dhugaasaa beekuu qaban gowwoomsuuf yaala.

2 Sababiiwwan Namoonni Itti Soban: Namoonni sababiiwwan garagaraatiin kan kaʼe ni sobu. Warri tokko tokko biyya lafaa dorgommeedhaan guutame kana keessatti guddina argachuuf waaʼee dandeettiisaanii wanta soba taʼe dubbachuuf akka dirqaman godhanii yaadu. Kaanimmoo, dogoggorasaanii ykn balleessaasaanii dhoksuuf jedhanii sobu. Kaanis namoota ajaaʼibsiisuuf jedhanii waan hin hojjenne kan hojjetan fakkeessanii sobaan dubbattu. Akkasumas, namoonni maqaa balleessuuf, salphinarraa ooluuf, soba kanaan dura dubbatan dhugaa fakkeessuuf ykn qarshii namootaa saamuuf jedhanii ni sobu.

3 Namoonni sobuu hin amaleeffannellee, saaxilamuu, adabamuu ykn wantoota kanaa wajjin walfakkaatan waan sodaataniif ni sobu. Cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya soba dubbachuuf akka qoramnu nu godha. Amalli akkasii murtoo dhugaa dubbachuuf godhamuun bakka buufamuu kan dandaʼu akkamitti?

4 Dhugaa Dubbachuu Kan Qabnu Maaliifi? Dhugaa dubbachuun ulaagaa Uumaan keenya inni guddaan, hunda keenyaaf baasedha. Macaafni Qulqulluun, Ibroota 6:18⁠rratti ‘Waaqayyoo hin sobu’ jedha. Yesus Kiristos inni lafarratti bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee tajaajilaa tures, ulaagaa kana guuteera. Yesus geggeessitoota amantii Yihudii isa ajjeesuu barbaadaniin akkas jedhee ture: “Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhagaʼe isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu. . . . Isa hin beeku yoon jedhe, akkuma keessan sobduu nan taʼa.” (Yoh. 8:40, 55) Gama kanaan Yesus fakkeenya nuuf taʼa; “Inni cubbuu hin hojjenne, dubbii isaa keessatti haxxummaan hin argamne.”—1 Phe. 2:21, 22.

5 Akkuma Fakkeenya 6:16-19⁠rratti ibsame, Uumaan keenya inni maqaansaa Yihowaa jedhamu soba ni jibba. Waaqni dhugaa dubbatu kun ulaagaalee isa duratti fudhatama nuuf argamsiisan ilaalchisee nuu baasee wajjin haala walsimuun akka jiraannu barbaada. Dubbiinsaa inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame, “Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu” jechuudhaan nu abbooma. (Qol. 3:9) Namoonni amala soba dubbachuu dhiisuu hin barbaanne isa biratti fudhatama hin qaban; kennaa jireenyaa inni kennus hin argatan. Faarfannaan 5:6 “Warra soba dubbatan lafa irraa in balleessita” jechuudhaan waaʼee Waaqayyoo ifatti dubbata. Kana malees Mulʼanni 21:8, “warra sobduu hundumaa” “duʼa lammaffaa,” jechuunis badiisni barabaraa akka isaan eeggatu ibsa. Kanaaf, ilaalcha Waaqayyo sobaaf qabu fudhachuun keenya, dhugaa dubbachuuf sababii gaʼaa nuu taʼa.

(w92 12/15 fuula 22, 23⁠rraa kan fudhatame)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi