LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 9 ful. 20-21
  • Ermiyaas Waa’ee Yihowaa Dubbachuu Hin Dhiisne

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ermiyaas Waa’ee Yihowaa Dubbachuu Hin Dhiisne
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nama Ija Jabeessa Ta’e
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Akkuma Ermiyaas Dammaqinaan Eeggadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Akkuma Ermiyaas Ija Jabeeyyii Taʼaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Ermiyaas 29:11—“Yaada Ani Isiniif Yaade Anuma Duwwaatu Beeka”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 9 ful. 20-21

BARUMSA 9

Ermiyaas Waaʼee Yihowaa Dubbachuu Hin Dhiisne

Ermiyaas namoota baay‵ee aaraniin marfamee jira

Namoonni kun Ermiyaasitti kan aaran maaliifi?

Ermiyaas boolla dhoqqeedhaan guutame keessaa harkifamee baafamaa jira

Yihowaan Ermiyaasiin gargaareera

Waaʼee Yihowaa ennaa dubbannu yeroo tokko tokko namoonni nutti qoosuu ykn nutti aaruu dandaʼu. Kunimmoo, waaʼee Waaqayyoo dubbachuu akka dhiisnu nu gochuu dandaʼa. Ati akkas sitti dhagaʼamee beekaa?— Macaafni Qulqulluun dargaggeessi tokko Yihowaa jaallatuyyuu waaʼeesaa dubbachuu dhiisuuf akka ture nutti hima. Maqaansaa Ermiyaas jedhama. Mee waaʼeesaa caalaatti haa barannu.

Ermiyaas dargaggeessa yeroo ture, Yihowaan waan gadhee gochuusaanii akka dhiisan namoota akka akeekkachiisu isatti hime. Ermiyaas kana gochuun baayʼee waan isatti ulfaateef sodaatee ture. ‘Ani mucaa xinnoodha. Maal jedhee akkan dubbadhu hin beeku’ jedhee Yihowaadhaaf deebise. Yihowaan garuu, ‘Hin sodaatin, ani sin gargaara’ jedheen.

Kanaafuu, Ermiyaas namoonni sun yoo jijjiiramuu baatan akka adabaman isaan akeekkachiisuu jalqabe. Namoonni sun waan Ermiyaas isaanitti hime kan dhagaʼan sitti fakkaataa?— Lakki. Kanaa mannaa, isatti qoosu ykn isatti aaru turan. Tokko tokkommoo isa ajjeesuuyyuu barbaadanii turan! Ermiyaasitti maaltu dhagaʼame jettee yaadda?— Waan sodaateef, ‘Lammata waaʼee Yihowaa hin dubbadhu’ jedhe. Garuu dhuguma dubbachuu dhiiseeraa?— Hin dhiisne. Yihowaa baayʼee waan jaallatuuf, waaʼeesaa dubbachuu dhiisuu hin dandeenye. Ermiyaas dubbachuusaa waan itti fufeef, Yihowaanis eegumsa isaaf godheera.

Fakkeenyaaf, yeroo tokko namoonni hamoon Ermiyaasiin boolla dhoqqeedhaan guutame keessatti darbatanii turan. Ermiyaas bakka sanatti nyaataafi bishaan argachuu hin dandaʼu ture. Jarri sun, Ermiyaas akka duʼuuf jecha achitti isa dhiisuu barbaadanii turan. Haataʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin ooluu dandaʼeera!

Fakkeenya Ermiyaasirraa maal baratta?— Yeroon inni itti sodaate kan jiru taʼus, waaʼee Yihowaa dubbachuu hin dhiisne. Waaʼee Yihowaa ennaa dubbattu, namoonni sitti qoosuu ykn sitti aaruu dandaʼu. Yeroo kanatti qaanaʼuu ykn sodaachuu dandeessa. Taʼus waaʼee Yihowaa dubbachuu dhiisuu hin qabdu. Yihowaan akkuma Ermiyaasiin gargaare siinis si gargaara.

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • Ermiyaas 1:4-8; 20:7-9; 26:8-19, 24; 38:6-13

GAAFFII:

  • Yihowaan, Ermiyaas maal akka godhu itti hime?

  • Ermiyaas waaʼee Yihowaa dubbachuu dhiisuuf jedhee kan ture maaliifi?

  • Yihowaan Ermiyaasiin kan gargaare akkamitti?

  • Fakkeenya Ermiyaasirraa maal baratte?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi