BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ERMIYAAS 25-28
Akkuma Ermiyaas Ija Jabeeyyii Taʼaa
Ermiyaas, Yerusaalem akkuma Shiiloo akka balleeffamtu akeekkachiise
Saanduqni kakuu, Yihowaan jiraachuu isaa argisiisu Shiiloo keessa ture
Yihowaan, Filisxeemonni Saanduqicha akka boojiʼan heyyame; sana booda Saanduqichi matumaa gara Shiilootti hin deebifamne
Luboonni, raajonnii fi namoonni, Ermiyaasiin ajjeesuuf yaalan
Sabichi, Ermiyaas Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii akka badu raajii waan dubbateef isa qabe
Ermiyaas garuu dubbachuu isaa hin dhiisne; akkasumas hin baqanne
26:16, 24
Yihowaan Ermiyaasiif eegumsa godheera
Ermiyaas ija jabina argisiisuu isaa itti fufeera, Yihowaanis isa hin dhiisne
Waaqayyo, Ermiyaas isa ija jabeessaaf eegumsa akka godhuuf Ahiiqaamiin kakaase
Ermiyaas gargaarsaa fi jajjabina Yihowaa biraa argateen ergaa namoota hedduu biratti fudhatama hin qabne waggaa 40f labsuu dandaʼeera