LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 57 ful. 138-ful. 139 key. 1
  • Yihowaan Akka Lallabuuf Ermiyaasiin Erge

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Akka Lallabuuf Ermiyaasiin Erge
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ermiyaas Waa’ee Yihowaa Dubbachuu Hin Dhiisne
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Akkuma Ermiyaas Dammaqinaan Eeggadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Nama Ija Jabeessa Ta’e
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Akkuma Ermiyaas Ija Jabeeyyii Taʼaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 57 ful. 138-ful. 139 key. 1
Ermiyaas jaarsolii duratti okkotee tokko yommuu caccabsu

BARUMSA 57

Yihowaan Akka Lallabuuf Ermiyaasiin Erge

Yihowaan namoota Yihudaatiif raajii akka taʼu Ermiyaasiin filatee ture. Namoota sanaaf akka lallabuu fi wantoota hamaa taʼan raawwachuu akka dhiisan akka isaan akeekkachiisu itti himee ture. Ermiyaas, ‘Garuu yaa Yihowaa, ani mucaa dha. Namoota kanatti akkamitti akkan dubbadhu hin beeku’ jedhee ture. Yihowaan immoo, ‘Hin sodaatin. Wanta dubbattu ani sittan hima. Ani sin gargaara’ isaan jedhe.

Yihowaan jaarsolii sabichaa akka sassaabu, okkotee tokko fuula isaanii duratti caccabsee, ‘Yerusaalem akkuma kanatti ni caccabdi’ jedhee akka dubbatu Ermiyaasitti hime. Yommuu Ermiyaas wanta Yihowaan isatti hime godhu jaarsoliin sun baayʼee aaran. Lubni Paashuur jedhamu tokko Ermiyaasiin rukutee jirma lama gidduu galchee isa hidhe. Ermiyaas halkan guutuu sochoʼuu hin dandaʼu ture. Ganama Paashuur isa gadhiise. Ermiyaas, ‘Ani kana caalaa hin dandaʼu. Lallabuu koo nan dhiisa’ jedhe. Garuu inni dhuguma dhiisee turee? Lakki. Yommuu Ermiyaas waaʼee kanaa irra deebiʼee itti yaadu, ‘Ergaan Yihowaa na keessatti akka ibiddaa taʼeera. Lallabuu koo dhaabuu hin dandaʼu’ jedhee dubbateera. Ermiyaas namoota akeekkachiisuu isaa itti fufee ture.

Waggoonni erga darbanii booda, Yihudaa keessatti mootii haaraan tokko ni muudame. Luboonnii fi raajonni sobaa ergaa Ermiyaas dubbatu ni jibbu turan. Kanaaf isaan,‘Namichi kun duʼuu qaba’ jedhanii bulchitootatti himan. Ermiyaas garuu, ‘Yoo na ajjeestan nama balleessaa hin qabne ajjeesuu isinitti taʼa. Ani kanan dubbadhu dubbii Yihowaa ti malee kan ofii koo miti’ jedhe. Bulchitoonni sun yommuu kana dhagaʼan, ‘Namichi kun ajjeefamuu hin qabu’ jedhan.

Ermiyaas lallabuu isaa kan itti fufe siʼa taʼu, bulchitoonnis baayʼee aaran. Kanaaf, Ermiyaasiin akka ajjeesu mooticha gaafatan. Mootichis wanta barbaadan isa gochuu akka dandaʼan isaanitti hime. Isaanis Ermiyaasiin fudhatanii akka inni achi keessatti duʼuuf boolla gadi fagoo dhoqqeedhaan guutame keessatti isa darbatan. Ermiyaasis dhoqqichaan liqimfamuu jalqabe.

Ebeedmeleekii fi namoonni isaa wajjin turan Ermiyaasiin harkisanii boolla keessa yommuu baasan

Ajajaan mana mootii Ebeedmeleek jedhamu, ‘Bulchitoonni Ermiyaasiin boolla bishaanii keessatti gataniiru! Achi keessatti yoo isa dhiisne inni ni duʼa’ jedhee mootichatti hime. Mootichis Ebeedmeleek namoota 30 fudhatee dhaquudhaan Ermiyaasiin boollicha keessaa akka baasu itti hime. Nuti hoo akkuma Ermiyaas isa homtuu lallabuu irraa duubatti akka isa godhu hin heyyamne sanaa taʼuu hin qabnuu?

“Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu; namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.”—Maatewos 10:22

Gaaffii: Ermiyaas yeroo ijoollee turetti illee Yihowaadhaaf kan ajajame maaliifi? Ermiyaas akka hin lallabne isa dhowwuuf kan yaalan eenyufaʼi?

Ermiyaas 1:1-19; 19:1-11; 20:1-13; 25:8-11; 26:7-16; 38:1-13

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi