LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/12 ful. 2
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiin Koo Hiyyeeyyii Yoo Taʼanoo?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Tajaajila Mootummaa—2012
km 6/12 ful. 2

Saanduqa Gaaffii

◼ Qabeenya keenya muraasasaa ykn guutummaasaa jaarmiyaa Yihowaatiif kennuu yoo barbaanne wanti yaadatti qabachuu qabnu maalidha?

Namoonni yeroo duʼan, qabeenyasaanii toʼachuu hin dandaʼan. (Lal. 9:5, 6) Obboloonni tokko tokko kana yaadatti qabachuudhaan, qarshii yeroodhaaf itti hin fayyadamne, “Qophii Qarshii Deebiʼu Kennuuf Godhametti” gargaaramanii jaarmiyaa Yihowaatiif kennu. Kaanimmoo utuu lubbuudhaan jiranii qabeenya hin sochoone jaarmiyaa Yihowaatiif kan kennan siʼa taʼu, hanga lubbuudhaan jiranitti garuu itti fayyadamu. Yeroo baayʼee qophiiwwan akkasii rakkina tokko malee raawwachuun kan dandaʼamu taʼus, yeroo hunda rakkina hin qaban jechuu miti. Kanaaf, obboloonni hedduun duʼuusaanii dura qabeenyasaanii akkamitti hihhiramu akka qabu ilaalchisee waraqaa karaa seera qabeessa taʼeen barreeffame dursanii qopheessu. (2 Mot. 20:1) Yeroo baayʼee, waraqaan seera qabeessa taʼe kun, nama abbaa qabeenyichaa bakka buʼu ykn nama qabeenyichi hadaraadhaan itti kennamuu barbaadamu kan argisiisu taʼuu qaba. Waraqaan akkasii hin qophoofne taanaan garuu, biyyoota baayʼeetti qabeenyi nama duʼee sanaa akkamitti hihhiramuu akka qabu kan murteessu abbootii taayitaa ykn aadaa naannichaa taʼa. Kanaaf, qabeenya keenya, muraasasaa ykn guutummaasaa jaarmiyaa Yihowaatiif kennuu ilaalchisee fedhii addaa yoo qabaanne, waraqaa seera qabeessa fedhii keenya kana argisiisu, akkasumas nama dhimma kana nuu raawwachiisuufi nama adaraa itti kenninu of eeggannoodhaan filachuun keenya barbaachisaadha.

Namni dhimma tokko raawwachiisu ykn qabeenyi nama tokko hadaraa itti kennamu itti gaafatamummaa guddaa qaba. Qabeenyisaa ykn qarshiinsaa hedduu taanaanimmoo, qabeenya sana walitti qabuufi hihhiruuf odeeffannoo balʼaa argachuu kan gaafatu taʼuusaarrayyuu, yeroo dheeraa kan fudhatu taʼuu dandaʼa. Kana malees, yeroo baayʼee kana ilaalchisee abbootiin taayitaa seera hordofan qabachuu dandaʼu. Nama miseensa gumii taʼe hundatu nama hadaraadhaan qabeenya keenya itti kenninu taʼuu dandaʼa jechuu miti. Namni filannu, dhimma keenya nuu raawwachiisuuf dandeettii kan qabu, amanamaafi fedhii keenya hunda raawwachuuf tole kan jedhu taʼuu qaba.—Dammaqaa! Muddee 8, 1998⁠rraa, mataduree “Za Wiizdam eendi Benefiitis oov Eesteet Pilaaniig,” (Ingiliffa) ykn Masaraa Eegumsaa, Amajjii, 15, 1998 fuula 19 “Pilaaningi Eheed foor Awar Laavid Waansi” jedhu ilaali. (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi