Gaaffii Dargaggootaa—Hiriyaa Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Yihowaan ilmaan namootaa akka waliin haasaʼaniifi michooma akka qabaatan godhee uume. (Fak. 17:17; 18:1, 24) Hariiroon akkasii gama lamaaniinuu faayidaa kan argamsiisu akka taʼuuf, namoota michoota godhannu of eeggannoodhaan filachuu qabna. (Fak. 13:20) Viidiyoo Gaaffii Dargaggootaa—Hiriyaa Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti? jedhamu erga ilaaltanii booda gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu dandeessuu?
Seensa:
(1) Michuu dhugaa jechuun maal jechuudha?
Wantoota Michoomaaf Gufuu Taʼan:
(2) Miira akka gatamne nutti dhagaʼamu moʼuu kan dandeessu akkamitti? (Filp. 2:4) (3) Jijjiirama amalaa gochuuf fedhii qabaachuu kan qabdu maaliifi? Kana gochuuf eenyuutu nu gargaaruu dandaʼa? (2 Qor. 13:11) (4) Michoota dabalataa horachuuf carraawwan akkamii qabna?—2 Qor. 6:13.
Michuu Waaqayyoo Taʼuu:
(5) Waaqayyoo wajjin michoomuu kan dandeenyu akkamitti? Akkas gochuunoo kan nama kiisu maaliifi? (Far. 34:8) (6) Yommuu Yihowaa michuu keenya godhannu, namootaa wajjin michooma akkamii qabaanna?
Hiriyoota Gadhee:
(7) Hiriyoota gadhee kan jedhaman eenyufaʼi? (1 Qor. 15:33) (8) Hiriyoonni gadheen hariiroo namni tokko Yihowaa wajjin qabu jalaa mancaasuu kan dandaʼan akkamitti?
Diraamaa Ammayyaa:
(9) Seenaa waaʼee Diinaa dubbaturraa barumsa akkamii arganna? (Uma. 34:1, 2, 7, 19) (10) Taaraan hiriyummaan dargaggoota Dhugaa Baatota hin taanee wajjin qabdu miidhaa akka hin qabne amansiisuuf yaalii kan goote akkamitti? (11) Hiriyoonni mana barumsaa Taaraa balaa akkamiitiif ishee saaxilanii turan? (12) Warrishee balaa Taaraan keessa turte utuu hin hubatin kan hafan maaliifi? Warrishee rakkoo isheen keessa jirtu yommuu hubatan, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu deebitee akka jabeeffattu kan ishee gargaaran akkamitti? (13) Obboleettiin qajeelchitu taate tokko Taaraadhaaf hiriyaa dhugaa kan taate akkamitti? (14) Ilaalchi Taaraa kan jijjiirame akkamitti?
Xumura:
(15) Viidiyoo kanarraa barumsa maalii argatteetta? (16) Namoota kaan gargaaruuf viidiyoo kanatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
Michoota hariiroo hundumaa caalu, jechuunis hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu eegnee akka itti fufnu nu gargaaran haa filannu!—Far. 15:1, 4; Isa. 41:8.