Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Onkoloolessa 29, 2012 jalqabutti kan irratti mariʼatamanidha. Qabxiiwwan mareen irratti godhaman hundi guyyaansaanii kan ibsame, torban torbaniin mana barumsichaatiif yommuu qophoofnu qorannoo dabalataa akka goonuufidha.
1. Iddoon aarsaa Hisqiʼel mulʼataan arge maal argisiisa? (His. 43:13-20) [Fulb. 10, w07-AM 8/1 ful. 10 key. 4]
2. Lagni mulʼata Hisqiʼel argerratti ibsame maal argisiisa? (His. 47:1-5) [Fulb. 17, w07-AM 8/1 ful. 11 key. 2]
3. Yaanni “garaa murate” jedhu barumsa hafuuraa Daaniʼel ijoollummaasaatti argate ilaalchisee maal argisiisa? (Dan. 1:8) [Fulb. 24, dp-AM ful. 32 key. 4-6; ful. 36 key. 16]
4. Mukti guddaa dheeraan abjuu Nebukadnezaar keessatti ibsame maal argisiisa? (Dan. 4:10, 11, 20-22) [Onk. 1, w07-AM 9/1 ful. 18 key. 4]
5. Haala kadhannaa wajjin wal qabateen Daani’el 9:17-19 maal nu barsiisa? [Onk. 8, w07-AM 9/1 ful. 20 key. 5-6]
6. Kakuun hanga Dh.K.B. bara 36tti ‘namoota ciccimoo wajjin jabeeffame’ maalidha? (Dan. 9:27) [Onk. 8, w07-AM 9/1 ful. 20 key. 4]
7. Ergamaan tokko, “inni mootummaa Faaresiif dhaabatu” akka isa morme Daaniʼelitti himuusaarraa maal hubachuu dandeenya? (Dan. 10:13) [Onk. 15, w11-AM 9/1 ful. 8 key. 1-2]
8. Raajiin Masiihicha ilaalchisee dubbatameefi Daani’el 11:20 wajjin haala wal simuun raawwatame isa kamidha? [Onk. 15, dp-AM ful. 232-233 key. 5-6]
9. Akkuma Hoseʼaa 4:11rratti ibsame, balaa dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun geessisuu keessaa tokko maalidha? [Onk. 22, w10 1/1 ful. 4-5]
10. Hoseʼaa 6:6rraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna? [Onk. 22, w07-AM 9/15 ful. 16 key. 8; w05-AM 11/15 ful. 24 key. 11-12]