Garee Tajaajila Dirree Keessanirraa Faayidaa Argachuu Kan Dandeessan Akkamitti?
1. Faayidaawwan karaa qophii Qayyabannaa Kitaabaa Gumii argachaa turreefi ammas karaa garee tajaajila dirree keenyaa argachuu dandeenyu maalfaʼi?
1 Qayyabannaan Kitaabaa Gumii hafuusaatti wanti sitti hafe akka jiru sitti hin dhagaʼamuu? Namoonni garee sana keessatti argaman lakkoofsisaanii muraasa waan taʼeef haala caalaatti gabii qabuun walitti sassaabamu turan. Kunimmoo, michoota amantiitti jabaannee akka itti fufnu nu gargaaran horachuun salphaa akka nuu taʼu godhee ture. (Fak. 18:24, hiika bara 1899) Ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa haala addaa irra jirru kan beeku taʼuusaarrayyuu, dhuunfaatti jajjabina nuuf kennuu dandaʼa ture. (Fak. 27:23; 1 Phe. 5:2, 3) Faayidaawwan kana, ammayyuu karaa garee tajaajila dirree keenyaa argachuu dandeenya.
2. Garee tajaajila dirree keenya keessatti michoota amantiitti jabaannee akka itti fufnu nu gargaaran horachuuf dursa fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Dursa Fudhadhaa: Yeroo baayʼee, gareewwan tajaajila dirree baayʼina namoota gareen qayyabannaa kitaabaa qabu turee wajjin tokkodha. “Yaada tokkoon” warra kaanii wajjin tajaajiluun keessan, michooma cimaa akka qabaattan isin gargaara. (Filp. 1:27) Babalʼistoota garee keessan keessa jiran keessaa meeqansaanii wajjin tajaajiltanii beektu? Gama kanaan garaa keessan ‘balʼifachuu’ dandeessuu? (2 Qor. 6:13) Kana malees, darbee darbee garee keenya keessaa Waaqeffannaa Maatii keenyarratti akka argaman ykn nyaata nuu wajjin akka nyaatan afeeruu dandeenya taʼa. Gumiiwwan tokko tokko keessatti, gareewwan tajaajila dirree obboleessa gumii garabiraadhaa haasaa dhiheessu dhufe dabareedhaan nyaata afeeru. Gareen tokko torban isaaf ramadame sanatti obboleessi haasaa dhiheesse sun jiraatus jiraachuu baatus, miseensonni garee sanaa nyaata kan waliin nyaatan taʼuusaaniirrayyuu, wal jajjabeessu.
3. Gareen tajaajila dirree keenya carraawwan itti daawwatamuu dandaʼu akkamii qaba?
3 Yeroo ammaatti gumiin torbanitti al lama qofa kan walgaʼu taʼuunsaa, jajjabinni karaa hafuuraa babalʼistootaaf godhamu ni hirʼata jechuu miti. Obboloonni ilaaltoota olaanaa garee taʼanii kan muudaman dhuunfaatti obboloota akka jajjabeessaniifi tajaajilaaf akka isaan leenjisaniifidha. Hanga ammaatti ilaaltuun olaanaa garee keessan isinii wajjin tajaajiluuf qophii hin goone yoo taʼe, isaa wajjin tajaajiluu akka barbaaddan maaliif itti hin himtan? Kana malees, ilaaltuun olaanaa tajaajilaa jiʼa jiʼaan dhuma torbanii tokko gareewwan addaddaa wajjin tajaajilarratti hirmaata. Gumiiwwan xixinnoo garee muraasa qabanimmoo, waggaa keessatti al lama daawwachuuf qophii gochuu dandaʼa. Yeroo inni garee keessan daawwatu tajaajilarratti argamuuf sagantaa keessanirratti sirreeffama gochuu ni dandeessuu?
4. (a) Walgaʼiiwwan tajaajila dirree kan qindeeffaman akkamitti? (b) Mana keenya walgaʼii tajaajila dirreetiif kennuurratti yaaduu kan qabnu maaliifi?
4 Yeroo baayʼee, gareen hundi dhuma torbaniitti walgaʼii tajaajila dirree mataasaanii qabaachuunsaanii faayidaa qaba. Babalʼistoonni bakkawwan addaddaatti tajaajila dirreetiif saʼaatii wal fakkaatutti walgaʼuunsaanii, walgaʼii tajaajila dirreerrattis taʼe naannoo tajaajilaasaanii dafanii akka gaʼan isaan gargaara. Yoo akkas taʼe, babalʼistoonni saffisaan ramadamanii yeruma sana gara naannoo tajaajilaasaanii deemuu dandaʼu. Kana malees, ilaaltuun olaanaa garee sanaa babalʼistoota gareesaa keessa jiran hundumaaf xiyyeeffannaa kennuun salphaa akka isaaf taʼu godha. Haataʼu malee, haalawwan gareen lama ykn isaa ol akka walitti makaman gochuun gaarii itti taʼu jiraachuu dandaʼu. Guutummaan gumichaa Sanbadduraa isa jalqabaarratti ykn Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa booda tajaajilaaf bakka tokkotti kan walgaʼu yoo taʼe, yeroo baayʼee gareen hundi waliin taaʼanii walgaʼiin tajaajila dirree kadhannaadhaan xumuramuusaa dura ilaaltonni olaanaa garee daqiiqaa muraasa keessatti babalʼistoota gareesaanii keessa jiran ramaduunsaanii gaarii taʼuu dandaʼa.—Saanduqa “Manakee Walgaʼii Tajaajila Dirreetiif Heyyamuu Dandeessaa?” jedhu ilaali.
5. Qophiin Qayyabannaa Kitaabaa Gumii kan hafe taʼus, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
5 Qophiin Qayyabannaa Kitaabaa Gumii kan dhaabate taʼus, Yihowaan wanta jaalalasaa raawwachuuf nu barbaachisu hunda nuu gochuusaa itti fufa. (Ibr. 13:20, 21) Hanga gargaarsa Yihowaa jala jirutti homaa hin dhabnu. (Far. 23:1) Karaa garee tajaajila dirree keenyaa eebbawwan hedduu arganna. Dursa yoo fudhanneefi ‘harka guunnee yoo facaasne, harka guunne galfanna.’—2 Qor. 9:6.
[Saanduqa fuula 6rra jiru]
Manakee Walgaʼii Tajaajila Dirreetiif Heyyamuu Dandeessaa?
Gumiiwwan tokko tokko mana itti walgaʼan waan hin arganneef, dhuma torbaniitti gareewwan tajaajila dirree walitti akka makaman godhu. Walgaʼiiwwan tajaajila dirree kutaa sochii gumiin godhu keessaa tokko waan taʼeef, walgaʼiiwwan kun mana keenyatti akka geggeeffaman heyyamuun mirga guddaadha. Maarree, mana keessanitti walgaʼiin kun akka godhamu heyyamuu dandeessuu? Manni keessan mijaaʼaa akka hin taane waan isinitti dhagaʼameef qofa akkas gochuurraa duubatti hin jedhinaa. Jaarsoliin akkuma yommuu mana tokkotti qayyabannaa kitaabaatiif fayyadamuuf wantoota tokko tokko tilmaama keessa galchanii turan, ammas bakka manni keessan itti argamuufi wantoota kanaa wajjin wal fakkaatan tilmaama keessa galchuu dandaʼu. Mana keessan walgaʼii kanaaf heyyamuu yoo barbaadan ilaaltuu olaanaa garee keessanitti himaa.