Karaawwan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Argachuu Itti Dandeenyu Shanan
1. Naannoo tajaajilaa keenyatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuun ulfaataa yoo taʼe maal gochuu qabna? Maaliifi?
1 Nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan argachuun ulfaataa isinitti taʼeeraa? Akkas taanaan, carraaqqii gochuu keessan itti fufaa. Yihowaan namoota fedhasaa gochuusaanii itti fufan ni eebbisa. (Gal. 6:9) Yaadawwan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuuf isin gargaaran shan armaan gaditti ibsamaniiru.
2. Qayyabannaa jalqabsiisuuf kallattiidhaan namoota gaafachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Kallattiidhaan Gaafachuu: Namoonni hedduun barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! akka isaaniif kenninu kan beekan taʼus, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu akka barbaannu garuu hin beekan taʼa. Yeroo manaa gara manaa adeemtan maaliif kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeruuf hin yaaltan? Kana malees, namoonni fedhii argisiisan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan barbaadan yoo taʼe isaan gaafachuu dandeessu. Yoo isaan afeerraa keessan fudhachuu didan garuu, barreeffama isaaniif kennuufi fedhiisaanii kakaasuuf carraaqqii gochuu keessan itti fufuu dandeessu. Obboleessi tokko hiriyoota gaaʼelaa tokkoof waggootaaf barruulee geessaa ture. Gaaf tokko garuu, barruulee haaraa isaanii kennee deemuuf erga kaʼee booda yaanni tokko gara sammuusaatti waan dhufeef, “Macaafa Qulqulluu qayyabachuu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. “Eeyyee!” jedhanii isaaf deebisuunsaanii baayʼee isa dinqisiiseera. Yeroo ammaatti hiriyoonni gaaʼelaa kun cuuphamaniiru.
3. Namoonni gumiirratti argaman Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiru jennee tilmaamuu qabnaa? Ibsi.
3 Namoota Walgaʼiirratti Argaman: Namoonni fedhii argisiisaniifi gumiirratti argaman hundi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabaniiru jettanii hin tilmaaminaa. Obboleessi tokko akkas jedheera: “Qayyabannaawwankoo keessaa walakkaasaanii kanan argadhe namoota walgaʼiirratti argaman haasofsiisuu kootiinidha.” Obboleettiin tokko, dubartii ija laafettii taateefi ijoollee durbaa cuuphaman lama qabdu tokko haasofsiisuuf murteessite. Dubartiin sun waggoota 15f gumiirratti argamteetti; haataʼu malee, akkuma walgaʼiin jalqabuuf jedhetti Galma Mootummaa kan dhuftu siʼa taʼu, akkuma walgaʼiin xumurametti daftee deemti turte. Dubartiin kun qayyabannaa jalqabuuf kan walii galte siʼa taʼu, yeroo boodas gara dhugaatti dhufteetti. Obboleettiin sun, dubartiin kun “Qayyabachuu akka barbaaddu gaafachuuf waggaa 15 turuunkoo baayʼee na gaddisiiseera!” jettee barreessiteetti.
4. Karaa namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatanii qayyabannaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Karaa Namoota Qayyabsiisnuu Qayyabannaa Argachuu: Obboleettiin tokko warri kaan yommuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessan akka ishee afeeran carraaqqii gooti turte. Xumurarratti nama qayyabannicha geggeessu heyyama gaafachuudhaan, namni qayyabatu sun nama qayyabachuu barbaadu kan biraa kan beeku taʼuufi dhiisuusaa gaafatti. Nama tokkoof kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu yeroo kennitan, “Nama kitaaba kana dubbisuu barbaadu kan biraa beektaa?” jettanii gaafachuu dandeessu. Al tokko tokko, haalli babalʼistoonniifi qajeelchitoonni nama naannoo tajaajilaarratti argatan qayyabsiisuuf haallisaanii isaaniif hin heyyamu taʼa. Kanaaf, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu akka dandeessan warra kaanitti himuun keessan gaarii taʼuu dandaʼa.
5. Hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane qayyabachuu kan barbaadan taʼuusaanii gaafachuu kan qabnu maaliifi?
5 Hiriyoota Gaaʼelaa Dhugaa Baatuu Hin Taane: Gumii keessan keessa babalʼistoonni hiriyaan gaaʼelaasaanii Dhugaa Baatuu hin taane jiruu? Hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane tokko tokko hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu taʼee wajjin Macaafa Qulqulluurratti maree gochuu kan hin barbaanne taʼanis, afeerraa Macaafa Qulqulluu akka qayyabataniif namni miseensa maatiisaanii hin taane isaaniif dhiheessu fudhachuu dandaʼu. Yeroo baayʼee karaa buʼa qabeessa taʼeen hiriyaa gaaʼelaasaanii isa Dhugaa Baatuu hin taane akkamitti yoo haasofsiisan akka wayyu beekuuf, dursanii hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu taʼe gaafachuun gaariidha.
6. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuuf carraaqqii gochuurratti kadhannaan dhiheessuun hangam barbaachisaadha?
6 Kadhannaa: Humna kadhannaan qabu akka laayyootti hin ilaalinaa. (Yaq. 5:16) Yihowaan, fedhasaa wajjin kan walsimu hanga taʼetti kadhannaa keenya akka dhagaʼu waadaa galeera. (1 Yoh. 5:14) Obboleessi hojiin itti baayʼatu tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuuf kadhannaa dhiheessuu jalqabe. Haati manaasaa nama qayyabsiisu kunuunsuuf, keessumaammoo baratichi rakkoowwan hedduu kan qabu yoo taʼe isa gargaaruuf yeroo eessaa argata jettee yaaddoftee turte. Kanaaf abbaan manaashee qayyabannaa akka argatuuf yeroo kadhatu yaaddooshee kana kadhannaadhaan Yihowaatti himte. Qajeelchituun tokko nama qayyabachuu barbaadu tokko argattee obboleessa kanaaf yeroo kennitu kadhannaansaanii torban lama booda deebii argateera. Haati manaa kun akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Babalʼistoota qayyabannaa Macaafa Qulqulluun geggeessuun humnasaanii ol akka taʼe itti dhagaʼamu hundaan akkasan jedha: Haalasaa adda baasaa kadhannaa keessan keessatti caqasaa, kadhannaa gochuu keessanis itti fufaa. Amma isan yaade caalaa gammachuu arganneerra.” Isinis, carraaqqii gochuu keessan kan itti fuftan taanaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuu, akkasumas gammachuu namni tokko ‘karaa gara jireenyaatti geessurra’ akka adeemu gargaaruudhaan argamu argachuu dandeessu.—Mat. 7:13, 14.