Tuutaan Tajaajiluun Gammachuu Argamsiisa
1 Yesus bartootasaa torbaatamman akka lallabaniif yeroo erge maal akka jedhan barsiisee ture. Lama lamaan isaan gurmeessuudhaan naannoo kamitti lallabuu akka qaban himee isaan ergee ture. Kunis gammachuu argamsiiseeraaf. (Luq. 10:1-17) Haaluma walfakkaatuun har’as, tuutaan dhugaa ba’uun saba Waaqayyoo hojii lallabaa kanaaf ni hidhachiisa, ni gurmeessa, akkasumas ni jajjabeessa.
2 Jaarsoliin Dursa Fudhatu: Obboloonni hojii lallabaarratti yeroo hunda akka hirmaatan gargaaruudhaan jaarsoliin shoora guddaa taphatu. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa guyyoottan torbaniitti qophii tajaajilaa gochuudhaan dursa fudhata. Ilaaltonni qayyabannaa kitaabaa sochii keessumaa dhuma torbaniitti tajaajilaa tuutasaanii qindeessuuf itti gaafatamummaa qabu. Fakkeenyaaf Qayyabannaa Masaraa Eegumsaatti aanee gumichi yeroo walga’ii bobbaatiif qophaa’u, ilaaltonni olaanaa qayyabannaa kitaabaa wanta tuutasaaniitiif barbaachisu hunda gochuu qabu.
3 ‘Akka Toluttiifi Sabriidhaan’: Obboleessi walga’ii bobbaa tajaajilaa geggeessuuf ramadame, yeroosaatti jalqabuufi walga’ichi yoo baay’ate daqiiqaa 10 ykn 15tti akka dhumu gochuu qaba. Kadhannaadhaan xumuruusaa dura tuutaan akka lallabamuufi naannoo itti tajaajilamus beeksisuunsaa gaariidha. Kunimmoo naannoo tokkotti walitti qabamuudhaan ulfina hojii keenyaa hir’isurraa nu eega. Akkasumas gorsa Phaawulos kennee wajjin haala walsimuun, ‘Wanti hundinuu akka tolutti, sabriidhaanis hojjetamuutu irra jira.’ (1 Qor. 14:40) Yeroodhaan ga’uudhaan, kan walga’ii geggeessuu wajjin walta’iinsaan hojjechuufi, yeruma sana gara naannoo tajaajilaa deemuudhaan namoonni walgaicharratti argaman hundi fiixaanbahiinsa qophii kanaaf gahee mataasaanii gochuu qabu.
4 Tokkummaadhaan Dhihaachuu: Tuutaan dhugaa ba’uuf qophiin godhame obboloota gumii keessa jiran kaaniin walbaruuf carraa nuubana. Dursinee nama tokkoo wajjin tajaajiluuf sagantaa qabachuun dogoggora ta’uu baatus, walga’ii tajaajilaarratti argamnee nama ramadamnee wajjin tajaajiluun bu’aa nuu argamsiisa. Tarii nama kanaandura hin beeknee wajjin ramadamna ta’a, kunimmoo jaalala keenya ‘bal’isuuf’ nugargaara.—2 Qor. 6:11-13.
5 Tuutaan dhugaa ba’uun nujajjabeessuu isaarrayyuu ‘dubbii dhugaa kana keessatti hidhata walii taanee’ akka walitti dhihaannu nugargaara. (3 Yoh. 8) Egaan tajaajila kanarratti guutummaatti haahirmaannu.