Sagantaa Torban Waxabajjii 3 Jalqabu
TORBAN WAXABAJJII 3 JALQABU
Faarfannaa 38fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 7 key.1-8 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q: Yoh. 17-21 (Daq. 10)
Lakk. 1: Yoh. 21:15-25 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: ‘Tuuta Duukaa Buʼuu’ Kan Hin Qabne Maaliifi?—Bau. 23:2; Fak. 1:10 (Daq. 5)
Lakk. 3: Sobuu Kan Hin Qabne Maaliifi?—lr boq. 22 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Waxabajjiitti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Sababa barruuleen naannoo tajaajilaa keessaniif gaarii itti taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, dhaggeeffattoonni matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu, akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Saʼaatii Tajaajilarratti Dabarsine Kan Gabaasnu Maaliifi? Kitaaba Fedha Yihowaa raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu fuula 88 keeyyata 1 hanga fuula 90 keeyyata 1rratti hundaaʼee haasaa barreessaa gumiitiin dhihaatu.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Faarfannaa 17fi Kadhannaa