Lallabuuf Kan Nu Kakaasu Maalidha?
1. Jaalalaafi tajaajila keenya gidduu walitti dhufeenya maaliitu jira?
1 Hojiin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu, hojii yeroo ammaatti hojjennu hundarra kan caaludha. Hojii kana raawwachuudhaan, abboommiiwwan gurguddaa lamaaniif, jechuunis abboommii Yihowaafi namoota akka jaallannu nuu kennameef akka ajajamnu argisiisna. (Mar. 12:29-31) Kanaaf, jaalalli humna guddaa hojii Mootummichaa hinaaffaadhaan raawwachuuf nu kakaasuu dandaʼudha.—1 Yoh. 5:3.
2. Tajaajilli keenya jaalala Yihowaadhaaf qabnu kan mulʼisu akkamitti?
2 Jaalala Yihowaadhaaf Qabnu: Jaalalli, Yihowaa Isa Michuu keenya taʼeef qabnu waaʼeesaa dhugaa baʼuuf nu kakaasa. Seexanni gara waggoota 6,000tiif maqaasaa balleessaa tureera. (2 Qor. 4:3, 4) Kunimmoo, namoonni Waaqayyo cubbamoota ibiddaan guba, inni Sillaaseedha, akkasumas namootaaf hin yaadu jedhanii akka amanan godheera. Namoonni kaanimmoo, Waaqayyo hin jiru hamma jechuutti gaʼaniiru. Kanaaf, namoonni waaʼee Abbaa keenya isa samii dhugaasaa akka beekan gochuuf fedhii guddaa qabaachuu hin qabnuu? Carraaqqiin waaʼee Waaqayyoo dhugaa baʼuuf goonu, Yihowaa ni gammachiisa; Seexanammoo ni aarsa.—Fak. 27:11; Ibr. 13:15, 16.
3. Tajaajilli keenya namootaaf jaalala akka qabnu kan argisiisu karaa kamiinidha?
3 Jaalala Namootaaf Qabnu: Nama tokkoof yommuu dhugaa baanu akka isa jaallannu argisiisna. Namoonni yeroo rakkisaa taʼe kanatti misiraachoo Mootummichaa dhagaʼuun baayʼee isaan barbaachisa. Baayʼeensaaniis akka namoota Nanawwee warra bara Yoonaas turanii, ‘bitaafi mirgasaanii gargar baasuu kan hin dandeenyedha.’ (Yon. 4:11) Tajaajilli keenya namoonni akkamitti jireenya gaariifi gammachuu qabu jiraachuu akka dandaʼan isaan barsiisa. (Isa. 48:17-19) Akkasumas abdii akka qabaatan godha. (Rom. 15:4) Kan nu dhaggeeffataniifi wanta baratan hojiirra kan oolcha yoo taʼan ‘ooluu’ dandaʼu.—Rom. 10:13, 14.
4. Wanti Yihowaa biratti matumaa hin irraanfatamne maalidha?
4 Ijoollee gaariin yeroo tokko tokko qofa utuu hin taʼin, yeroo hundumaa warrasaanii akka jaallatan argisiisuuf carraaqqii godhu. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli guddaan Waaqayyoofi namootaaf qabnu, yeroo tajaajila baanu qofa utuu hin taʼin carraa arganne hundatti jechuunis, yeroo hundumaa dammaqinaan lallabuuf nu kakaasa. Misiraachicha utuu walirraa hin kutin lallabna. (HoE. 5:42) Jaalalli akkasiimmoo, Yihowaa biratti matumaa hin irraanfatamu.—Ibr. 6:10.