Sagantaa Torban Adoolessa 1 Jalqabu
TORBAN ADOOLESSA 1 JALQABU
Faarfannaa 11fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 8 key. 9-16 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: HoE. 11-14 (Daq. 10)
Lakk. 1: HoE. 11:1-18 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Namoonni Wanta Gadhee Raawwatan Jijjiiramuu Dandaʼuu?—lr boq. 25 (Daq. 5)
Lakk. 3: Michoonni Keessan Eenyufaʼi?—Far. 119:63 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Adoolessaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Barumsa Maalii Arganna? Mareedhaan kan dhihaatu. Luqaas 12:16-31 akka dubbifamu godhi. Seenaan kun tajaajila keenyarratti nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe mariʼadhaa.
Faarfannaa 45fi Kadhannaa