Sagantaa Torban Onkoloolessa 7 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 7 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 13, key. 1-7 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Efe. 1-6 (Daq. 10)
Lakk. 1: Efe. 4:1-16 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Duraan Dursanii Qajeelummaa Waaqayyoo Barbaaduu Jechuun Maal Jechuudha?—Mat. 6:33
Lakk. 3: Yesusiin Jaallachuu Kan Qabnu Maaliifi?—lr boq. 38 (Daq. 5)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Ji’i Onkoloolessaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif ta’an tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti ba’anitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si ga’e barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Warra Hojiitti Dadhabaa Jiran. (1 Tas. 5:12, 13) Jaarsolii gumii lamaaf gaafannoo godhi. Gumii keessatti ykn bakka biraatti itti gaafatamummaa hafuuraa akkamii qabu? Hojii dhuunfaafi itti gaafatamummaa maatii dabalatee, wantoota kana raawwachuu kan danda’an akkamitti? Tajaajilasaaniitiif dursa kan kennan akkamitti? Miseensonni maatiisaanii deggersa kan isaaniif godhan akkamitti?
Faarfannaa 42fi Kadhannaa