LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/13 ful. 4
  • Ijoo Gabaasa Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2013
Tajaajila Mootummaa—2013
km 9/13 ful. 4

Ijoo Gabaasa Tajaajilaa

Duula naannoo tajaajilaa adda ta’eefi ji’a Bitootessaatti godhamerratti, obboloonni 365 ta’an kan hirmaatan si’a ta’u, naannoowwan itti lallabamee hin beekne ykn baay’ee itti hin lallabamne 140 keessatti tajaajilaniiru. Ji’a Bitootessaatti afeerriin Ayyaana Yaadannoos godhameera. Akka gaariitti dhugaan kan ba’ame yommuu ta’u, namoonni 25,000 ol ta’anis Ayyaanicharratti argamaniiru. Yoo xinnaate tuutawwan torba yeroo jalqabaatiif Ayyaana Yaadannoo kan kabajan yommuu ta’u, isaan keessaa muraasnisaanii hanga namoota 122⁠tti walitti qabamaniiru. Akkasumas ji’a Bitootessaatti obboloonni 3,239 qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan tajaajilaniiru. Walumaa galatti ji’a Bitootessaatti obboloonni 5,424 qajeelchitoota ta’aniiru! Carraaqqii kanaan baay’ina babal’istootaa haaraa 9,607 kan arganne yommuu ta’u, baay’ina barruulee raabsamaniifi deddeebii gaaffiitiinis lakkoofsi haaraan argameera. Baay’ee gaariidha. Egaan, namoonni fedhii qaban kun qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban haa afeerru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi