Akkaataa Dhiheenyaa
JI’a Ji’aan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni hedduun Macaafa Qulqulluu kan qaban ta’uyyuu, yaada Macaafa Qulqulluu hubachuun baay’ee isaanitti ulfaata. Atoo akkas sitti dhaga’amaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun maal akka jedhu ilaali.” Barruu Masaraa Eegumsaa Adoolessa-Fulbaana kenniifiitii mataduree fuula dhumaarra jiru itti argisiisi; achiis yaada mataduree xiqqaa jalqabaa jala jiru erga waliin ilaaltanii booda, yoo xiqqaate caqasa tokko waliin dubbisaa. Masaraa Eegumsaa sana kenniifiitii gaaffii ittaanurratti mari’achuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Adoolessa-Fulbaana
“Namoonni caqasa Macaafa Qulqulluu tokkorratti yaada maalii akka qaban isaan gaafachaa jirra. [1 Yohannis 4:8 dubbisi.] Namoonni hedduun yaada asirra jirurratti walii galu; kaan garuu Waaqayyo balaawwan uumamaa ykn balaawwan kaan akka jiraatan heyyamuusaatiin inni gara jabeessa akka ta’e godhanii yaadu. Atoo maal sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun sababii Waaqayyo gara jabeessa jennee akka hin yaanne nu godhu qabateera.”
Dammaqaa! Adoolessa-Fulbaana
“Rakkina namoota hedduu dhiphisaa jiru jechuunis waa’ee yakkaa mari’achaa jirra. Namoonni tokko tokko yakka to’achuuf wanti gargaaru inni guddaan lakkoofsa poolisootaa dabaluu akka ta’e godhanii yaadu. Atoo maal sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun yeroon yakki itti badu akka dhufu kan dubbatu ta’uusaa beektaa? [Faarfannaa 37:10, 11 dubbisi.] Barruun kun waa’ee dhimma kanaa ibsa; tarkaanfii yakkarraa of eeguuf fudhachuu qabnus ni ibsa.”