Sagantaa Torban Onkoloolessa 14 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 14 JALQABU
Faarfannaa 32fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 13 key. 8-16 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Filp. 1-4–Qol. 1-4 (Daq. 10)
Lakk. 1: Filp. 3:17–4:9 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Waaqayyo Ilmasaa Yaadateera—lr boq. 39 (Daq. 5)
Lakk. 3: Kadhannaan Qorumsawwan Mo’uuf Nu Gargaaruu Kan Danda’u Akkamitti?—Luq. 11:9-13; Yaq. 1:5 (Daq. 5)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 15: Tokkummaan Addunyaa Maratti Qabnu Yihowaadhaaf Ulfina Fida. Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e (Amaariffa) jedhamu fuula 165, keeyyata 2 hanga mataduree xiqqaa fuula 168rratti hundaa’ee haasaadhaan kan dhihaatu. Tokkummaafi jaalalli obbolummaa waliif qabnu dhugaa ba’uuf akkamitti akka gargaare muuxannoo barreeffamarraa argatan akka dubbatan dhaggeeffattoota gaafadhu.
Daq. 15: “Oduun Mootummichaa Lakk. 38 Ji’a Sadaasaatti Raabsama!” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lakk. 38 dhaggeeffattootaaf tokko tokko akka kennamu godhi. Naannoo tajaajilaa keessan keessatti tiraaktii kana raabsuuf qophii godhame akka ibsuuf ilaaltuu olaanaa tajaajilaa afeeri. Akkaataa dhiheenyaa gabaabaa fuula 4rra jirutti fayyadamuudhaan, tiraaktiin Oduu Mootummichaa akkamitti akka raabsamu akka danda’u hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 53fi Kadhannaa