Oduun Mootummichaa Lakk. 38 Ji’a Sadaasaatti Raabsama!
1. Warra du’an ilaalchisee namoonni gaaffii akkamii gaafatu? Kunoo ji’a Sadaasaatti deebii kan argatu akkamitti?
1 Duuti namoota amantaa kamiyyuu hordofan hundumaaf diinadha. (1 Qor. 15:26) Namoonni hedduun, ‘Warri du’an eessa jiru? Deebinee isaan argu dandeenyaa?’ jedhanii gaafatu. Kanaaf, gumiiwwan addunyaa mararra jiran, ji’a tokkoof tiraaktii Oduu Mootummichaa Lakk. 38 jedhamuufi mataduree Namoonni Du’an Deebi’anii Jiraachuu Danda’uu? jedhu qabu raabsuurratti hirmaatu. Duulli addaa kun Sadaasa 1 jalqaba. Duulli kun erga raawwatamee booda garuu, tiraaktii kana akkuma tiraaktota kaanii tajaajilarratti itti fayyadamuun ni danda’ama.
2. Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lakk. 38 jedhamu akkaataa kamiin qophaa’e?
2 Akkaataa Tiraaktiin Kun Itti Qophaa’e: Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lakk. 38 jedhamu kun dacha’uu kan danda’uufi fuulli isaa inni jalqabaa mataduree gaaffiidhaan dhihaatee kan qabu si’a ta’u, mataduree kana jalattimmoo, yaada “Ati maal jetta? . . . Eeyyee, Lakki, Ta’u danda’a” jedhan qaba. Namni tokko tiraaktii kana banee yommuu dubbisummoo, deebii Macaafni Qulqulluun gaaffii matadureerratti ka’eef kennuufi abdiin Macaafni Qulqulluun kennu faayidaa maalii akka isaaf argamsiisu hubachuu danda’a. Sababii Macaafa Qulqulluutti amanuu itti danda’us ni hubata. Duubni tiraaktii kanaa gaaffii qalbii namaa hawwatuufi namni dubbisu sun akka itti yaaduuf dhihaate kan qabu yommuu ta’u, oddeeffannoo dabalataa akka argatus isa afeera.
3. Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lakk. 38 jedhamu akkamitti raabsama?
3 Akkaataa Tiraaktiin Kun Itti Raabsamu: Duulli tiraaktii kana raabsuuf godhamu duula waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoofi walga’ii koonyaa raabsuuf godhamuu wajjin walfakkaata. Jaarsoliin gumii xalayaa Ebla 1, 2013 isaaniif ergamerratti hundaa’uudhaan, naannoo tajaajilaasaanii akkamitti waliin ga’uu akka danada’an ilaalchisee qajeelfama kennuu danda’u. Gumiiwwan naannoo tajaajilaa muraasa ta’e qaban, gumiiwwan naannoo tajaajilaa bal’aa qabaniifi isaanitti dhihoo jiran gargaaruu danda’u. Tiraaktii kana raabsuuf yeroo fudhattan, hanga torban tokkoof isin ga’u qofa fudhachuu qabdu. Nannoo tajaajilaa keessan erga waliin geessanii booda tiraaktiin kun yoo hafe, bakka namoonni baay’inaan argamanitti raabsuun ni danda’ama. Dhuma ji’a Sadaasaa dura tiraaktiin ajajame raabsamee yoo dhume barruuleen raabsamuu qabu. Sanbadduraa isa jalqabaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu manaa duula addaa kanarratti xiyyeeffanna. Sanbadduraafi Dilbata yeroo tiraaktii kana raabsinu barbaachisaa taanaan barruulees raabsuu ni dandeenya. Isinoo duula addaa kanarratti guutummaatti hirmaachuuf qophii gochaa jirtuu?