Faarfannaa 38
Yaaddoo Keessan Yihowaarratti Gataa
1. Yaa Yihowaa Gooftaa kiyyaa,
Gurrakee as naa qabii.
Kadhatakoo naa dhaga’ii,
Naa argamsiisii gabii.
(WALLEE)
Yaaddookee Waaqarra kaa’ii;
Waaan sii ta’uuf utubaa.
Akka gufattu hin godhuu,
Jajjabeessee si dhaabaa.
2. Silaa utuun gugee ta’ee,
Balaarraa nan baqadhaa,
Namoota na miidhanirraa
Lubbuukoo nan oolfadha.
(WALLEE)
Yaaddookee Waaqarra kaa’ii;
Waaan sii ta’uuf utubaa.
Akka gufattu hin godhuu,
Jajjabeessee si dhaabaa.
3. Waaqayyokoo nan waammadha,
Nan fedha eegumsasaa.
Jibbamus nagaa naa kennaa,
Garraamota jabeessa.
(WALLEE)
Yaaddookee Waaqarra kaa’ii;
Waaan sii ta’uuf utubaa.
Akka gufattu hin godhuu,
Jajjabeessee si dhaabaa.
(Dabalataan Far. 22:5; 31:1-24 ilaali.)