Ijoollee Keessan Barsiisuuf Weeb Saayitii Keenyatti Fayyadamaa
1. Kaayyoon kutaa Weeb saayitii keenyaa mataduree “Children” jedhu qabuu maalidha?
1 Weeb saayitiin keenya jw.org, jedhamu namoota umrii kamirraayyuu jiran akka hawwatutti kan qophaa’edha. Kutaa Weeb saayitii kanaa keessaa matadureen “Children” (Bible Teachings > Children) jedhu, ijoolleeniifi maatiin walittis ta’e Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruuf kan qophaa’edha. (Kes. 6:6, 7) Maarree kutaa kana ijoollee keessan barsiisuuf itti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?
2. Ijoollee keessan qayyabsiisuuf barumsa umriisaanii wajjin wal gitu filachuu kan dandeessan akkamitti?
2 Akka Haalasaatti Jijjiirama Godhaa: Ijoolleen hundi wanti isaan barbaachisu tokko miti. (1 Qor. 13:11) Kanaaf, ijoollee keessan qayyabsiisuuf barumsa umriisaanii wajjin wal gitu argachuu kan dandeessan akkamitti? ‘Wanti xiyyeeffannaa ijoolleekoo harkisu maalidha? Hammam hubachuu danda’u? Xiyyeeffannaansaanii yeroo hammamiitiif turuu danda’a?’ jedhaa of gaafadhaa. Ijoollee waggaa sadii ykn isaa gad ta’anii wajjin, seenaawwan mataduree “My Bible Lessons” jedhu jala jiranirratti mari’achuu dandeessu. Maatiin tokko tokkommoo seenaa Macaafa Qulqulluu mataduree “Teach Your Children” jedhu jala jirurratti mari’atu. Filannoowwan armaan gadiittis fayyadamuu ni dandeessu.
3. Warri seenaafi gilgaala mataduree “Family Worship Projects” jedhu jala jirutti karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuu kan danda’an akkamitti?
3 Mataduree “Family Worship Projects” Jedhamu: Matadureen kun mataawwan maatii ijoolleesaanii wajjin akka qayyabatan gargaara. Yeroo mataduree kanatti fayyadamtan hundatti, seenaawwaniifi gilgaalota akkamitti akka itti fayyadamtan beekuuf iddoo halluu burtukaanaa qabuufi garagalfachuuf gargaaru tuquudhaan mataduree “Parents’ Guide” jedhu dubbisaa. Ijoollee keessan warra xixinnoo barsiisuuf gilgaalota fakkii kan akka halluu dibuutti fayyadamuu dandeessu. Ijoollee warra gurguddaammoo, gilgaalota qayyabannaa akka hojjetan gargaaraa. Gilgaalonni pirojektii hunda keessa jiran seenaa ykn barumsa Macaafa Qulqulluu tokkorratti kan hundaa’an waan ta’aniif, ijoolleen umrii kamirrattiyyuu argaman hundi pirojektii waaqeffannaa maatii tokkorratti waliin hirmaachuu danda’u.
4. Mataduree “Become Jehovah’s Friend” jedhu keessatti maaltu argama?
4 Mataduree “Become Jehovah’s Friend” Jedhu: Viidiyoon, faarfannaaniifi gilgaalli mataduree Weeb saayitii kanaa keessa jiran, warri ijoolleesaanii xixiqqoo ta’an Dubbii Waaqayyoo irra deddeebi’anii barsiisuuf isaan gargaaru. (Kes. 31:12) Viidiyoo gabaabaan namatti toluufi mataduree kana jala jiru barumsa barbaachisaa dabarsa. Gilgaalonni kan akka barbaadi argadhu jedhan faayidaa barumsa kanaa ibsu. Ijoolleen faarfachuu waan jaallataniifi faarfannaan ijoolleen waan baratan akka yaadatan waan godhuuf, faarfannaan Mootummichaafi faarfannaan ijoolleef qofa qophaa’u yeroo hunda intarneetiirratti ba’a.
5. Warri, Yihowaan ijoolleesaanii dhugaa barsiisuuf akka isaan gargaaru kadhachuu kan qaban maaliifi?
5 Warra kan taatan, Yihowaan akka isin haadhaafi abbaa gaarii taatan barbaada. Kanaaf ijoollee keessan dhugaa barsiisuuf akka inni isin gargaaru kadhadhaa. (Abo. 13:8) Gargaarsa Yihowaatiin, ijoolleen keessan ‘ogummaa Kiristos Yesusitti amanuudhaan fayyuuf isaan gargaaru akka argatan’ leenjisu dandeessu.—2 Xim. 3:15; Fak. 4:1-4.