Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Ji’a Eblaatti namoonni 7,886 ta’an Macaafa Qulqulluu kan qayyabatan si’a ta’u, kunimmoo lakkoofsa hamma yoonaatti galmaa’e hundarra kan caaludha. Birooshura Misiraachoo Waaqayyoo Birraa Dhufe! jedhamu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf itti fayyadamuu keessan akka itti fuftan isin jajjabeessina. Baay’inni namoota Ayyaana Yaadannoorratti argamanii 25,496 ture; kunis namoonni fedhii qabaniifi gargaarsa barbaadan hedduun akka jiran argisiisa. Akkasumas babal’istoonni 1,120 ta’an ji’a Eblaatti qajeelchaa gargaaraa ta’aanii tajaajilaniiru; kunis lakkoofsa guddaadha. Ji’a ilaaltuun olaanaa aanaa gumii keenya daawwatutti sa’aatii 30 tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa akka taanu qophiin nuu godhame, hojii Yihowaa hinaaffaadhaan hojjechuuf carraa dabalataa akka nuu banu beekamaadha!