Fakkeenya Raajotaa Fudhadhaa—Hose’aa
1. Gaaffii akkamii of gaafattee ta’uu danda’a?
1 ‘Yihowaadhaaf aarsaa akkamii kaffaluufan fedhii qaba?’ Gaarummaa Yihowaa isa guddaafi araarasaarratti yeroo xiinxaltu gaaffii akkasii of gaafatteetta ta’a. (Far. 103:2-4; 116:12) Hose’aan fedhiisaa aarsaa gochuu kan isa gaafatu ta’us, wanta Yihowaan isa abboome fedhiidhaan raawwateera. Nuhoo, fakkeenya Hose’aa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Hose’aan lallabuu keenya cimsinee akka itti fufnuuf fakkeenya gaarii kan nuu ta’u akkamitti?
2 Yeroo Rakkisaa Ta’etti Lallabaa: Ergaan Hose’aa kallattiidhaan mootummaa gosoota Israa’el kurnanii isa waaqeffannaan dhugaa keessaa baduu jala ga’e kan ilaallatu ture. Yerobi’aam Lammaffaan Yihowaa duratti wanta hamaa ta’e kan hojjete ta’uusaarrayyuu, waaqeffannaa dibichaa Yerobi’aam Tokkoffaan jalqabsiisee ture akka itti fufu godhe. (2 Mot. 14:23, 24) Mootonni itti aananii gosoota Israa’el kurnan bulchanis, hanga sabni kun Dh.K.D. bara 740tti balleeffametti waaqeffannaan sobaa akka itti fufu godhaniiru. Waaqeffannaan sobaa garmalee babal’atee kan ture ta’us, Hose’aan garuu yoo xinnaate waggaa 59f amanamummaadhaan raajii ta’ee tajaajileera. Nuhoo, yeroo namoonni dantaa dhabanis ta’e yeroo mormiin nurra ga’utti yeroo hundaa tajaajiluu keenya itti fufuuf murteessineerraa?—2Xim. 4:2.
3. Jireenyi Hose’aa araara Yihowaatiif fakkeenya kan ta’u akkamitti?
3 Araara Yihowaarratti Xiyyeeffadhaa: Yihowaan, Hose’aan “dubartii ejjituu” akka fuudhu isa ajajee ture. (Hos. 1:2) Haati manaasaa Gomer, ilma tokko kan deesseef ta’us, booda garuu ijoollee lama nama kan biraarraa akka godhatte haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Hose’aan haadha manaasaatiif dhiifama gochuuf fedhii qabaachuunsaa, araara guddaa Yihowaan yommuu Israa’eloonni mata jabeeyyii ta’an yaada garaa geddaratan isaanitti argisiiseef fakkeenya kan ta’udha. (Hos. 3:1; Rom. 9:22-26) Nuhoo, araarri Yihowaa namoota hundumaa biratti akka beekamu gochuuf jecha fedhii dhuunfaa keenyaa aarsaa gochuuf qophaa’oodhaa?—1 Qor. 9:19-23.
4. Aarsaan nuti Yihowaadhaaf kaffaluu dandeenyu tokko tokko maalfa’i?
4 Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko tajaajilarratti yeroo dabalataa dabarsuuf jecha, hojii galii guddaa isaaniif argamsiisuu danda’u aarsaa godhaniiru. Warri kaanimmoo hojii Mootummichaatiif dursa kennuuf jecha qeentee ta’anii ykn ijoollee utuu hin godhatin jiraachaa jiru. Jireenya Hose’aarratti yeroo xiinxallu, ‘Ani gonkumaa wanta inni godhe gochuu hin danda’u’ jennee yaadna ta’a. Haata’u malee, dinqisiifannaan nuti gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaaf qabnu guddachaa yommuu adeemu, akkasumas karaa hafuura qulqulluu jajjabina akka nuu kennu yommuu itti amanamnu, karaa nuti gonkumaa ni ta’a jennee hin yaanneen akkuma Hose’aa nutti fayyadamuu danda’a.—Mat. 19:26; Filp. 2:13.