Sagantaa Torban Muddee 1 Jalqabu
TORBAN MUDDEE 1 JALQABU
Faarfannaa 48fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
jl barumsa 5-6 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Kes. 32-34 (Daq. 10)
Lakk. 1: Kes. 32:22-35 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 20D Namoonni Hundi Kan Waaqeffatan Waaqa Tokkicha Miti (Daq. 5)
Lakk. 3: Utuu Isaan Hin Aarsin Warra Kaaniif Waaʼee Amantiikee Ibsuu Kan Dandeessu Akkamitti?—bh boq. 16 key. 11-19 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Jiʼa Muddeetti Barruulee Raabsuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Akkaataa dhiheenyaa sadan fuula kanarratti argaman hojiin argisiisaan dhiheessi. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisa sanaa booda, matadureen barruulee kanarratti baʼan namoota naannoo tajaajilaa keessan keessa jiran hawwachuu kan dandaʼan maaliif akka taʼe yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa ykn dhaggeeffattoonni deddeebii gaaffii gochuudhaan, akkasumas/ykn qayyabannaa haaraa jalqabsiisuudhaan muuxannoo dhiheenyatti argatan akka dubbatan afeeri. Akkas jedhii gaafadhu: Kana gochuuf maaltu isin kakaase? Milkaaʼina akka argattan kan isin gargaare maalidha? Jiʼoottan muraasa darban keessatti babalʼistoonni gumii keessan keessatti argaman deddeebii gaaffii hammamii akka godhaniifi Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hammamii akka qayyabsiisan dubbadhu. Akkas gochuusaaniitiif isaan galateeffadhu; warri kaanis akkasuma akka godhan jajjabeessuudhaan kutaakee xumuri.
Daq. 10: Faayidaa Akkamii Arganne? Mareedhaan kan dhihaatu. Babalʼistoonni mataduree “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namootaaf Yaaduu” jedhu hojiirra oolchuudhaan buʼaa argatan akka dubbatan afeeri. Dhaggeeffattoonni muuxannoo gaarii argatan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 20fi Kadhannaa