LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/14 ful. 4
  • Ijoo Gabaasa Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Tajaajila Addaa Magaalaa Gurguddaa Keessatti Raawwatamu
Tajaajila Mootummaa—2014
km 11/14 ful. 4

Ijoo Gabaasa Tajaajilaa

Tajaajila Addaa Magaalaa Gurguddaa Keessatti Raawwatamu

Bakka namoonni baayʼinaan argamanitti lallabuuf Ebla 10, 2014⁠tti qophiin erga eegalee kaasee, iddoowwan garaagaraa afuritti, jechuunis Finfinnee, Moojoo keessa iddoo meeshaalee itti buusaniifi feʼanitti, akkasumas Adaamaa keessatti lallabni gaariin kennamaa jira. Hanga ammaatti kitaabonni 10,097, barruuleen 8,196, birooshuroonni 4,824fi tiraaktonni 1,191 raabsamaniiru. Mala lallabaa kana naannolee kaanittis babalʼisuuf karoorri baʼeera.

Iddoowwan gararraatti caqasamanitti yeroo ammaa qajeelchitoota 160tu tajaajilaa jira. Wanti qajeelchitoonni kun hojii kanarratti hirmaachuuf godhan, kan nama jajjabeessuufi galateeffatamuu kan qabudha. Mootummicha dursuuf jecha sagantaasaaniifi dhimma dhuunfaasaaniirratti jijjiirama godhaniiru. Babalʼistoonni hedduun malli tajaajilaa kun hirmaannaa tajaajilarratti godhan waan isaaniif guddiseef, Yihowaafi jaarmiyaasaa bakka buʼuudhaan haala kanaan lallabuu dandaʼuusaaniitti gammachuu itti dhagaʼame ibsaniiru. Namoonni barreeffamoota keenya fudhatanis dinqisiifannaa hojii kanaaf qaban kan ibsan siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii akka qabanis argisiisaniiru. Babalʼistoonni tokko tokkommoo tajaajila kanarratti hirmaachuu akka dandaʼaniif qajeelchitoota yeroo hundaa taʼaniiru.

Mala haaraa kanarraa buʼaa gaarii argachaa kan jirru taʼuunsaa Yihowaan hojii kana eebbisaa akka jiru argisiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi