Sagantaa Torban Muddee 15 Jalqabu
TORBAN MUDDEE 15 JALQABU
Faarfannaa 20fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
jl barumsa 9-10 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iya. 6-8 (Daq. 10)
Lakk. 1: Iya. 8:18-29 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 22A Yesus Kiristos Ilma Waaqayyoofi Mootii Muudamedha (Daq. 5)
Lakk. 3: Gaaffiiwwan Kadhannaa Ilaalchisee Dhihaataniif Deebii Kennuu—bh boq. 17 key 9-10 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
YAADA IJOO JIʼICHAA: Qabeenya gaarii adaraa nutti kenname keessaa “waan gaarii” baasuu.—Mat. 12:35a.
Daq. 15: “Haala Buʼa Qabeessa Taʼeen Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuu.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 3ffaarratti erga mariʼattanii booda, hojiin argisiisni babalʼisaan tokko barataasaa wajjin kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu boqonnaa 15, keeyyata 8ffaarratti utuu mariʼatanii argisiisuufi kutaa lama qabu akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa isa jalqabaarratti babalʼisichi ofumasaatii dubbata. Isa lammaffaarrattimmoo, wanta babalʼisaan sun yaadu beekuuf akka isa dandeessisuuf babalʼisichi gaaffii ilaalchaa isa gaafata.
Daq. 15: Meeshaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuuf qophaaʼuuf Gargaaru. Mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni mataduree “Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhuufi jw.org irratti argamu akka beekan gargaari (Amaariffa. የመጽሐፍ ቅዱስ ትምህርቶች > ወጣቶች jalaa ilaali.) Yaadni kun namoota umrii garaagaraarratti argaman akka gaariitti qayyabsiisuuf akkamitti akka nu gargaaru irratti mariʼadhaa. Gaaffiiwwan shaakalicharratti dhihaatan garaa barataa keenyaa tuquuf kan nu gargaaru akkamitti? Babalʼisaan tokko shaakala kanatti fayyadamuudhaan yaada fedhii barataasaa hawwatu yommuu qophaaʼuufi gaaffiiwwan buʼa qabeessa taʼan yommuu qopheessu ofhaasiidhaan akka dhiheessu godhi. Dhaggeeffattoonni wanta gaarii warra kaan gargaaruuf qabnutti fayyadamanii, garaa barattootasaanii tuquuf carraaqqii gochuudhaan barsiisota gaarii akka taʼan jajjabeessi.—Fak. 20:5.
Faarfannaa 30fi Kadhannaa.