Waaʼee Yesus Hinaaffaadhaan Labsaa
Waaʼee Yesus dhugaa isaa warra kaanitti himuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yoo beekne, hinaaffaan keenya ni dabala. Yesus dhagaa golee qajeelchuu fi dhugaan irratti ijaarame dha. (Efe. 2:20) Isa malee abdii jireenyaa hin qabnu. (HoE. 4:12) Kanaafuu, namoonni hundi gahee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu hubachuun isaanii barbaachisaa dha. Namoonni hedduun barumsa deggersa Macaafa Qulqulluu hin qabneen dogoggorfamaniiru. Kan nama gaddisiisu, namoonni kun eebba Waaqayyo namoota Yesusitti amananiif qopheesse dhabuuf jedhu. Hinaaffaan nuti dhugaadhaaf qabnu, namoonni garaa qajeelaa qaban waaʼee Yesus, walitti dhufeenya inni Waaqayyoo wajjin qabuu fi gahee inni kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu ilaalchisee hubannaa sirrii akka argatan gargaaruuf nu kakaasa. Kanaaf, tibba Ayyaana Yaadannootti, dhugaa waaʼee Yesus dubbatu hinaaffaadhaan ni labsituu?