Sagantaa Torban Guraandhala 23 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 23 JALQABU
Faarfannaa 20 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cf boq. 1 key. 1-7 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 19-21 (Daq. 8)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii (Daq. 20)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Yaada Ijoo jiʼichaa: “Warra Hojii Gaariitiif Hinaafan” Taʼaa! —Tiitoos 2:14.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Akkuma Yesus Waaqeffannaa Dhugaadhaaf Hinaaffaa Qabaadhaa. Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2013, fuula 8, keeyyata 2 fi Muddee 15, 2010, fuula 9-11, keeyyata 12-16 irratti hundaaʼee haasaadhaan dhihaatu. Hojiin lallabaa “hojii gaarii” Kiristiyaanonni hojjechuuf mirga argatan kan taʼe karaa kamiin akka taʼe ibsi. (Tit. 2:14) Dhugaa beekuun keenya misiraachicha hinaaffaadhaan lallabuu fi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsi. Hinaafaa hojii gaariidhaaf argisiiseef gumicha galateeffadhu.
Daq. 10: “Waaʼee Yesus Hinaaffaadhaan Labsaa.” Mareedhaan kan dhihaatu. Babalʼisaan tokko “Haala 1” isa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2014, fuula 8 keeyyata 8, akkasumas fakkeenya fuula 9 keeyyata 13 irratti argamutti fayyadamee hojiin argisiisa akka dhiheessu godhi.
Faarfannaa 5 Fi Kadhannaa