Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Guraandhala 23, 2015, jalqabutti kan irratti mariʼatamani dha.
Iyaasuu 18:7 irratti akka ibsametti, dhaalli Lewwootaa ‘luboota Waaqayyoo taʼuu’ taʼuun isaa, wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akka dhaban kan godhu turee? [Ama. 5, w11 9/15 ful. 7-8 key. 3-4]
Iyaasuun jechoota Iyaasuu 23:14 irratti argaman amanannaa guutuudhaan dubbachuu kan dandaʼe akkamitti? Nutoo abdii Yihowaan kenne irratti amanannaa guutuu qabaachuu kan dandeenyu maaliifi? [Ama. 12, w07 11/1 ful. 17 key. 19]
Israaʼeloonni diinota isaanii biyyattii abdachiifamte keessa jiranii wajjin michoomuun isaanii dhiibbaa akkamii isaan irratti geessise? Nuufoo akeekkachiisa akkamii taʼa? (Abo. 3:5-7) [Ama. 19, w08 2/15 ful. 26-27 key. 3, 8]
Deboraa, Baaraaqii fi Yaaʼel ija jabina argisiisuu isaaniitiin maaltu taʼe? Nutoo ija jabina argisiisuun kan nu barbaachisu haalawwan akkamii keessatti dha? (Abo. 4:1-9, 14-22; 5:20, 21, 31) [Ama. 19, w12 2/15 ful. 12 key. 9; ful. 14 key. 21]
Maqaan Giidewon iddoo aarsaa ijaareef moggaase maal argisiisa? Nutoo kana irraa maal baranna? (Abo. 6:23, 24) [Ama. 26, w14 2/15 ful. 22-23 key. 9]
Macaafa Abboota Firdii boqonnaa 9 irraa maal baranna? (Abo. 9:8-15, 22, 50-54) [Gur. 2, w08 2/15 ful. 9 key. 9]
Yiftaan kan wareege nama aarsaa godhee dhiheessuuf turee? (Abo. 11: 30, 31) [Gur. 9, w05-AM 1/15 ful. 26 key. 1; w08 2/15 ful. 8 key. 4]
Akka Abboota Firdii 11:35-37 irratti ibsametti intalli Yiftaa waadaa ishee akka eegdu wanti ishee dandeessise maali dha? [Gur. 9, w11 12/15 ful. 20-21 key. 15-16]
Siimson gargaarsa hafuura qulqulluutiin maal raawwate? Kunoo barumsa maalii nuuf qaba? (Abo. 15:14) [Gur. 16, w11 12/15 ful. 21-22 key. 17, 18]
Utuu wal irraa hin kutin kadhachuu ilaalchisee, seenaa saba Israaʼel warra gosti Beniyaamin siʼa lama isaan moʼan irraa maal baranna? (Abo. 20:14-25) [Gur. 23, w11 9/15 ful. 32 key. 1-4]