Tibba Ayyaana Yaadannoo Kanatti Hinaaffaa Yihowaa fi Yesus Qaban Ni Argisiistuu?
1. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman tibba Ayyaana Yaadannootti carraaqqii guddaa akkamii godhu?
1 Yihowaan kaayyoo isaa hinaaffaadhaan raawwata. Isaayaas 9:7 eebba Mootummaan Waaqayyoo fidu tokko tokko erga ibsee booda, “Hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha” jedha. Haaluma wal fakkaatuun, Ilmi Waaqayyoos yommuu lafa irra tajaajilaa turetti, waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa guddaa argisiiseera. (Yoh. 2:13-17; 4:34) Waggaa waggaadhaan tibba Ayyaana Yaadannootti, babalʼistoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman hirmaannaa tajaajila irratti godhan guddifachuudhaan hinaaffaa Yihowaa fi Yesus qaban argisiisuuf carraaqqii guddaa godhu. Atoo isaan keessaa tokko ni taataa?
2. Hinaaffaa qabaachuun keenya Bitootessa 7 eegalee maal gochuuf nu kakaasa?
2 Duula Ayyaana Yaadannoo: Duulli Ayyaana Yaadannoo kana beeksisuuf godhamu Sanbadduraa, Bitootessa 7 eegala. Tajaajila irratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf ammumaa jalqabaatii karoorfadhaa. Gumiiwwan, naannoo tajaajilaa isaanii hamma dandaʼametti xumuruuf yeroo carraaqqii godhanitti baayʼee gammadu. Namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, deddeebii gaaffii goonuuf, namoota wajjin hojjennu, firoota keenyaa fi namoota wajjin barannuuf waraqaa affeerrii kennuudhaan ykn jw.org fayyadamuudhaan afeeruuf carraaqqii haa goonu.
3. Jiʼa Bitootessaa fi Eblaatti hirmaannaa tajaajila irratti goonu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Qajeelchaa Gargaaraa: Hinaaffaa qabaachuun hirmaannaa tajaajila irratti goonu guddisuufis nu gargaara. Jiʼa Bitootessaa fi Eblaatti qajeelchaa gargaaraa taanee tajaajiluudhaan saʼaatii 30 deebisuu waan dandeenyuuf, babalʼistoonni hedduun qajeelchaa gargaaraa akka taʼan hin shakkisiisu. Waaqeffannaa maatii ykn qayyabannaa dhuunfaa keessan irratti karaa itti kana gochuu dandeessan kadhannaadhaan irratti yaadaa. (Fak. 15:22) Hinaaffaan isin qabdan namoonni kaanis hojii kana irratti hinaaffaadhaan akka hirmaatan gochuu dandaʼa. Hirmaannaa keessan guddifachuuf dhuunfaadhaan sirreeffama tokko tokko yoo gootan, hinaaffaa Yesus qabu hordofaa jirtu jechuu dha.—Mar. 6:31-34.
4. Hinaaffaa Yihowaa fi Yesus qaban yoo argisiisne eebba akkamii arganna?
4 Tibba Ayyaana Yaadannootti hinaaffaa Yihowaa fi Yesus qaban argisiisuuf carraaqqii gochuun keenya eebba guddaa nuuf argamsiisa. Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman hedduun ergaa keenya fudhachuu dandaʼu. Akkasumas, gammachuu fi qabbana Yihowaa tajaajiluu fi namoota kaaniif kennuudhaan argamu arganna. (HoE. 20:35) Hunda caalaa immoo, Waaqa keenya isa hinaaffaa qabuu fi Ilma isaa gammachiisna.