Sagantaa Torban Guraandhala 16 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 16 JALQABU
Faarfannaa 13 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
jl Barumsa 27-28 fi ful. 32 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Abo. 15-18 (Daq. 8)
Lakk. 1: Abo. 16:13-24 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Dhaamsi Macaafa Qulqulluu Maalidha?—igw ful. 8 key. 1-4 (Daq. 5)
Lakk. 3: Yeroo Kamiyyuu Caalaa Yihowaatti Dhihaadhu—bh boq. 19 key. 10-14 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Yaada Ijoo jiʼichaa: “Warra Hojii Gaariitiif Hinaafan” Taʼaa! —Tiitoos 2:14.
Daq. 15: Misiraachicha Hinaaffaadhaan Lallabuuf Qophaaʼaa. Mareedhaan kan dhihaatu. Tajaajila jalqabuu keenya dura kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu kan qabnu maaliifi? (Far. 143:10; HoE. 4:31) Kadhannaadhaan alatti wanti barbaachisu gara biraan maali dha? (Iz. 7:10) Karaa hafuuraa erga of qopheessinee booda, barreeffama keenyaa fi boorsaa tajaajilaa keenya qopheeffachuuf maalfaa gochuu qabna? Qophaaʼuun keenya faayidaa akkamii qaba? (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2008, ful. 10, key. 9 ilaali.) Tajaajilaaf kan qophooftan akkamitti? Babalʼisaan tokko tiraaktii, barruulee ykn birooshura tajaajila irratti itti fayyadamu ilaaluudhaan, tajaajilaaf yeroo qophaaʼu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi. Itti fufees boorsaa tajaajilaa isaa sisirreeffata, akkasumas meeshaan elektirooniksii isaa qophaaʼaa taʼuu isaa mirkaneeffata. Hundi isaanii yeroo tajaajila deemanitti sirriitti qophaaʼuu akka qaban yaadachiisi. (2 Xim. 3:17)
Daq. 15: “Tibba Ayyaana Yaadannoo Kanatti Hinaaffaa Yihowaa fi Yesus Qaban Ni Argisiistuu?” Gaaffii fi deebiidhaan kan dhihaatu. Waraqaa afeerrii ayyaana yaadannoo dhaggeeffattoota hundumaaf kenniitii qabiyyee isaa irratti mariʼadhaa. Akkaataa dhiheenyaa fuula 4 irratti argamutti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 30 Fi Kadhannaa