Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Intarkoomiitti Fayyadamuudhaan Lallabuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?: Intarkoomii ykn bilbila balbala irraatti fayyadamanii lallabuun nama sodaachisuu dandaʼa. Sodaan akkasii hinaaffaa nuti hojii gaariidhaaf qabnu akka nu jalaa hin hirʼisne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Namoota tokko tokko argatanii misiraachoo Mootummichaa itti himuun kan dandaʼamu mala kanatti fayyadamuudhaan qofa taʼuu akka dandaʼu hin dagatinaa. (Rom. 10:14) Muuxannoowwan akka argisiisanitti, mala kanatti fayyadamuudhaan karaa buʼa-qabeessa taʼeen lallabuun ni dandaʼama. (Kitaaba Waggaa 2011, ful. 65-66 fi Kitaaba Waggaa 2000, ful. 54, key. 3 (Ingiliffa) ilaali.) Karaawwan kana gochuun itti dandaʼamuu fi armaan gaditti caqasaman ilaali.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Yeroo waaqeffannaa maatii keessaniitti, utuu wal hin ilaalin ykn wal irraa garagalaatii akka nama intarkoomiitti fayyadamuudhaan lallabaa jiruutti waliin shaakalaa.