‘Hojii Gaariidhaaf Hinaafuun’ Kan Barbaachise Maaliifi?
Hojii gaariidhaaf ni hinaaftuu? Babalʼistoota Mootummichaa waan taaneef sababii gaʼaa hinaafuuf nu dandeessisu qabna. Maaliif? Tiitoos 2:11-14 maal akka jedhu qalbeeffadhaa:
Lakkoofsa 11: ‘Ayyaanni Waaqayyoo’ ykn akka Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatti ‘gaarummaan Waaqayyoo inni nuuf hin malle’ maali dha? Gaarummaa Waaqayyoo kana irraa dhuunfaatti faayidaa akkamii arganna?—Rom. 3:23, 24.
Lakkoofsa 12: Ayyaanni ykn gaarummaan Waaqayyoo kun kan nu gorsu akkamitti?
Lakkoofsa 13 fi 14: Amma erga qulqulleeffamnee booda abdii akkamii qabna? Amala addunyaa isa Waaqayyo irraa fagaate irraa kan qulqulleeffamne maaliifi?
Caqasoonni kun hojii gaariidhaaf akka hinaaftan kan isin kakaasan akkamitti?