LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Hagayya ful. 5
  • Dargaggootaa, ‘Hojii Gaariidhaaf kan Hinaaftan’ Taʼaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dargaggootaa, ‘Hojii Gaariidhaaf kan Hinaaftan’ Taʼaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qajeelchaa Taʼuudhaan Yihowaa Jajadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Qajeelchaa Ta’anii Tajaajiluudhaan Eebba Argamu
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Qajeelchaa Ta’uun Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Nuuf cimsa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Qajeelchaa Jechuun Maal Jechuudha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Hagayya ful. 5

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dargaggootaa, ‘Hojii Gaariidhaaf kan Hinaaftan’ Taʼaa

Phaawulos ergamaan, xalayaa Tiitoodhaaf barreesse irratti, isa dabalatee dargaggoonni dhiirota taʼan “hojii gaarii hojjechuudhaan karaa hundumaatiin fakkeenya” taʼuuf carraaquu akka qaban barreesseera. (Tit 2:6, 7) Yeroo booda boqonnaadhuma kana irratti, sabni Yihowaa waan qulqulleeffamaniif ‘hojii gaariidhaaf hinaafuu’ akka qaban ibseera. (Tit 2:14) Hojiiwwan gaarii jedhaman keessaa tokko waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu fi barsiisuu dha. Dargaggeessa yoo taate, jabina qabdutti fayyadamtee qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajiluu ni dandeessaa?—Fak 20:29.

Qajeelchaa taatee tajaajiluu yoo barbaadde, jireenya kee irratti sirreeffama gochuuf karoora baafadhu. (Luq 14:28-30) Fakkeenyaaf, tajaajila yeroo guutuu keessatti yommuu hirmaatutti karaa qarshiitiin of dandaʼuu kan dandeessu akkamitti? Saʼaatii si irraa barbaadamu guutuu kan dandeessu akkamitti? Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. (Far 37:5) Karoora baafatte irratti warra kee fi obboloota qajeelchitoota taʼuudhaan milkaaʼina argatan wajjin mariʼadhu. Galma baafatte irra gaʼuuf immoo tarkaanfii fudhadhu. Carraaqqii hinaaffaadhaan tajaajiluuf goote Yihowaan akka siif eebbisu mirkanaaʼaa taʼi!

VIIDIYOO DARGAGGOOTA YIHOWAADHAAF ULFINA KENNAA JIRAN JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Dargaggoonni tokko tokko, qajeelchitoota taʼanii tajaajiluuf rakkoowwan akkamii mooʼaniiru? Rakkoowwan kana kan mooʼan hoo akkamitti?

  • Warri, ijoolleen isaanii qajeelchitoota yeroo hundaa akka taʼan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

  • Tajaajilaaf sagantaa baafachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Miseensonni gumii qajeelchitoota jajjabeessuu fi gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

  • Obboloonni qajeelchitoota taʼanii tajaajilan eebba akkamii argatu?

Obboleettiin shamarree taate takka waaʼee qajeelchaa taʼuu abbaa ishii wajjin haasaʼaa jirti; dargaggeessi qajeelchaa taʼe tokko sagantaa baafate barreeffachaa jira; shamarreen qajeelchituu taate takka obboleettii kan biraa wajjin tajaajila dirree irratti hirmaachaa jirti; shamarreen qajeelchituu taate takka dubartii takka qoʼachiisaa jirti

Galman qajeelchaa taʼee tajaajiluuf baafadhe irra gaʼuu kanan dandaʼu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi