LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Hagayya ful. 5
  • Qajeelchaa Taʼuudhaan Yihowaa Jajadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qajeelchaa Taʼuudhaan Yihowaa Jajadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Carraawwan Dabalataa Yihowaadhaaf Galata Galchuuf Nu Gargaaran
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Galma Gaarii Waggaa Tajaajilaa Isa Haaraadhaaf Baafachuu Dandeessu
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Hirmaannaa Tajaajilarratti Gootan Guddifachuuf Karoora Baafadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Qajeelchaa Jechuun Maal Jechuudha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Hagayya ful. 5
Obboleessi tokko qarqara galaanaatti namicha tokkoof caqasa dubbisaa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Qajeelchaa Taʼuudhaan Yihowaa Jajadhaa

Israaʼeloonni Yihowaa jajachuuf sababa guddaa qabu turan. Inni Gibxii keessaa isaan baaseera, raayyaa waraanaa Faraʼoon jalaas isaan oolcheera! (Bau 15:1, 2) Yihowaan saba isaatti gaarummaa argisiisuu isaa itti fufeera. Maarree wanta nuu godheef akka isa galateeffannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?—Far 116:12.

Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taʼuudhaan tajaajiluu dha. Yihowaan fedhii fi humna qajeelchaa taatanii tajaajiluuf isin dandeessisu akka isiniif kennu kadhachuu dandeessu. (Flp 2:13) Obboloonni baayʼeen qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan jalqabu. Jiʼoota Bitootessaa fi Eblaatti, akkasumas jiʼa ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii keessan daawwatutti saʼaatii 30 ykn 50 tajaajiluuf filachuu dandeessu. Qajeelchaa gargaaraa taʼuun keessan gammachuu hammamii akka isiniif argamsiise yeroo argitan, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf carraaqqii gochuuf fedhii qabaachuu dandeessu. Namoonni guyyaa guutuu hojjetan ykn haalli fayyaa isaanii gaarii hin taane tokko tokko illee qajeelchaa yeroo hundaa taʼanii tajaajiluu dandaʼaniiru. (mwb16.07 8) Yihowaan jajannaan kan isaaf malu waan taʼeef, isa jajachuuf carraaqqii cimaa gochuun keenya barbaachisaa dha.—1Se 16:25.

VIIDIYOO OBBOLEETTOTA MONGOOLIYAATTI ARGAMAN SADI JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkii viidiyoo ‘Obboleettota Mongooliyaatti Argaman Sadi’ jedhamu irraa fudhatame. Aandiraan ishiin obbolaa qajeelchitoota taʼan sadan keessaa tokko taate otoobisii yaabbachuuf dhaabbattee jirti.

    Obboleettonni sadan kun qajeelchitoota taʼuuf haala rakkisaa akkamii moʼuun isaan barbaachiseera?

  • Fakkii viidiyoo ‘Obboleettota Mongooliyaatti Argaman Sadi’ jedhamu irraa fudhatame. Oyuun ishiin obbolaa qajeelchitoota taʼan sadan keessaa tokko taate Betʼelitti kutaa nyaataa keessatti hojjechaa jirti.

    Eebbawwan akkamii argatan?

  • Fakkii viidiyoo ‘Obboleettota Mongooliyaatti Argaman Sadi’ jedhamu irraa fudhatame. Doorjikhaandi ishiin obbolaa qajeelchitoota taʼan sadan keessaa tokko taate tajaajila irratti namicha tokkoof lallabaa jirti.

    Qajeelchitoota taʼuun isaanii carraawwan akkamii isaaniif bane?

  • Fakkii viidiyoo ‘Obboleettota Mongooliyaatti Argaman Sadi’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleettota qajeelchitoota taʼan sadanii fi haadha isaanii.

    Fakkeenyummaan isaanii warra kaan irratti dhiibbaa akkamii godhe?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi