Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Hagayya 31, 2015 jalqabutti kan irratti mariʼatamani dha.
Yihowaan kadhannaa namoota akkamii dhagaʼa? (1 Mot. 8:41, 42) [Ado. 6, w10 4/15 ful. 5 key. 10]
Daawit ‘amanamummaadhaan’ deddeebiʼuun isaa nutis akkuma isaa akka goonu kan nu jajjabeessu akkamitti? (1 Mot. 9:4) [Ado. 13, w12 11/15 ful. 7 key. 18-19]
Seenaa Yihowaan Eliyaasiin haadha hiyyeessaa mandara Saraaphtaatti argamtutti akka erge dubbatu irraa maal baranna? (1 Mot. 17:8-14) [Ado. 27, w14 2/15 ful. 14]
Seenaa 1 Mootota 17:10-16 irratti argamu irratti xiinxaluun keenya, murtoo guutummaatti Yihowaatti amanamuuf goone kan nuu jabeessu akkamitti? [Ado. 27, w14 2/15 ful. 13-15]
Eliyaas miira abdii kutannaa moʼuu dandaʼuu isaa irraa faayidaa akkamii arganna? (1 Mot. 19:4) [Hag. 3, ia ful. 117-118 key. 10-12; w14 3/15 ful. 15 key. 15-16]
Yihowaan Eliyaas inni tajaajilaa isaa amanamaa taʼe akka abdii kutate yeroo argu maaltu itti dhagaʼame? Nuti hoo fakkeenya Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Mot. 19:7, 8) [Hag. 3, w14 6/15 ful. 27 key. 15-16]
Ahaab Mootichi ilaalcha dogoggoraa akkamii qaba ture? Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman hoo dogoggora akkasii raawwachuu irraa of eeguu kan dandaʼan akkamitti? (1 Mot. 21:20) [Hag. 10, lv ful. 164-165, saanduqa; w14-AM 2/1 ful. 14 key. 3-4]
Yaada 2 Mootota 3:11 irratti argamuu fi ‘Elsaaʼi Eliyaasiin gargaaraa akka ture’ dubbatu irraa maal baranna? [Hag. 17, w13 8/15 ful. 29 key. 5, 6]
Dargaggoonni amantii fi ija jabina shamarree Israaʼel 2 Mootota 5:1-3 irratti ibsamtee hordofuu kan dandaʼan akkamitti? [Hag. 24, w12 2/15 ful. 12-13 key. 11]
Tajaajiltoonni Yihowaa hundi, bara dhumaa kanatti amala Yehuu isa kam argisiisuuf carraaquu qabu? (2 Mot. 10:16) [Hag. 31, w11 11/15 ful. 5 key. 4]