Sagantaa Torban Fulbaana 14 Jalqabu
TORBAN FULBAANA 14 JALQABU
Faarfannaa 37 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cf boq. 10 key. 18-23, saanduqa ful. 125 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: 2 Mot. 16-18 (Daq. 8)
Lakk. 1: 2 Mot. 17:12-18 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Dubbisa Macaafa Qulqulluu Keerraa Faayidaa Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?—igw ful. 32 (Daq. 5)
Lakk. 3: Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhataniiru—w13 1/15 ful. 9 key. 9-10; w11 1/15 ful. 5 key. 11 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
YAADA IJOO JIʼICHAA: ‘Misiraachoo Guutummaatti Dhugaa Baʼuu.’—HoE. 20:24, NW.
Daq. 10: ‘Misiraachoo Guutummaatti Dhugaa Baʼuu.’ Haasaa yaada ijoo jiʼichaa irrattii fi kitaaba Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Guutummaatti Dhugaa Baʼuu (Amaariffa) jedhamu boqonnaa 1, keeyyata 1-11 irratti hundaaʼee dhihaatu.—HoE. 20:24, NW.
Daq. 10: “Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Naannoo Daldalaatti Dhugaa Baʼuu.” Mareedhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisni gabaabaan kutaa lama qabu akka dhihaatu godhi. Jalqaba, babalʼisaa hubataa hin taane tokko nama daldalaa taʼeef yommuu dhugaa baʼu argisiisu akka dhihaatu godhi. Kutaan inni lammaffaan isa jalqabaa wajjin kan wal fakkaatu taʼus, babalʼisichi yeroo kanatti karaa hubannaa akka qabu argisiisuun yommuu lallabu kan argisiisu haa taʼu. Achiis dhaggeeffattoonni akkaataan dhiheenyaa inni lammaffaan caalaatti buʼa qabeessa kan taʼe maaliif akka taʼe akka dubbatan afeeri.
Daq. 10: Yaadachiisawwan Walgaʼii Naannoo. Viidiyoo argisiisuu dabalatee barreessaan gumii mareedhaan kan dhiheessu. Jalqaba viidiyoo “Yaadachiisawwan Walgaʼii Naannoo” jedhamu taphachiisi. Achiis, yaadawwan ijoo viidiyoo sanaa cairra deebiʼuudhaan, qabxiiwwan keessumaa gumichaaf alaatti barbaachisaa taʼan addeessi.
Faarfannaa 44 Fi Kadhannaa