Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Keessan Barsiifata Qayyabannaa Gaarii Akka Qabaatan Gargaaraa
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Namoonni Kitaaba Qulqulluu qayyabatan karaa hafuuraa gara gaʼeessummaatti akka guddataniif, sammuu isaanii fi garaa isaanii barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu sooruu caalaa wanti gochuu qaban jira. (Ibr. 5:12–6:1) Qayyabannaa gochuun carraaqqii gaafata. Yaada haaraa wanta kanaan dura beeknuu wajjin wal qabsiisuu fi faayidaa beekumsi kun qabu hubachuu dabalata. (Fak. 2:1-6) Barattoonni qorannaa dhuunfaa gochuu barachuun isaanii, barreeffamoota keenyatti fayyadamanii gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif deebii kennuuf isaan dandeessisa. Wanta baratan hojii irra oolchuuf carraaqqii cimaan isaan godhan rakkoowwan Kiristiyaanota taʼuu isaaniitiin isaan irra gaʼu dandamachuuf isaan qopheessa.—Luq. 6:47, 48.
Jiʼa Kanatti Akkana Gochuuf Yaali:
Dhuma mata duree xiqqaa ykn boqonnaatti barataan kee wanta barate hima muraasaan walitti qabee akka ibsu isa gaafadhu. Nama Kitaaba Qulqulluu qayyabsiistu hin qabdu taanaan, kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko ykn keeyyata Masaraa Eegumsaa tokko hima muraasaan walitti qabanii ibsuu shaakaluudhaan dandeettii dubbistee hubachuu irratti qabdu fooyyessuuf carraaqi.