Sagantaa Torban Onkoloolessa 12 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 12 JALQABU
Faarfannaa 45 fi Kadhannaa
Qayyabannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii:
cf boq. 12, key. 1-7 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa K.Q.: 1 Sen. 5-7 (Daq. 8)
Lakk. 1: 1 Sen. 6:48-60 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Kan Jiruu Fi Carraaqqii Namootaatiin Kan Dhufu Miti—td 23C (Daq. 5)
Lakk. 3: Namoota Gorsa Kennaniif Eliihuun Fakkeenya Gaarii Akkamii Taʼa?—w09 4/15 ful. 4 key. 8–ful. 9 key. 7 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Yaada Ijoo Jiʼichaa: ‘Hundee keessan gad fageeffadhaa, amantiitti dhaabamaa!’—Qol. 2:6, 7.
Daq. 10: ‘Hundee Keessan Gad Fageeffadhaa, Amantiitti Dhaabamaa!’ Haasaa yaada ijoo jiʼichaa irratti hundaaʼee dhihaatu. ‘Hundee gad fageeffachuu fi amantiitti dhaabamuu’ jechuun maal jechuu dha? Akkas gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti? (Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 1998 (Amaariffa), ful. 10-12 ilaali.) Qolosaayis 2:6, 7; Ibroota 6:1; akkasumas Yihudaa 20, 21 dubbisiitii akkamitti hojii irra ooluu akka dandaʼamu ibsi. Kutaawwan jiʼa kanatti Walgaʼii Tajaajilaa irratti fudhataman tokko tokko gabaabsii ibsi, akkasumas yaada ijoo jiʼichaa wajjin akkamitti akka wal qabatan ibsi.
Daq. 20: “Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Keessan Barsiifata Qayyabannaa Gaarii Akka Qabaatan Gargaaraa.” Mareedhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisni babalʼisaan muuxannoo qabu tokko, barataa Kitaaba Qulqulluu isaatti gaaffii Kitaaba Qulqulluu tokkoof deebii argachuuf LAAYBIRARII INTARNEETII IRRAA akkamitti itti fayyadamuun akka dandaʼamu yeroo itti argisiisu ibsu akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 43 fi Kadhannaa