Sagantaa Torban Onkoloolessa 19 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 19 JALQABU
Faarfannaa 2 fi Kadhannaa
Qayyabannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii:
cf boq. 12, key. 8-14 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa K.Q.: 1 Sen. 8-11 (Daq. 8)
Lakk. 1: 1 Sen. 11:15-25 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Muuxannoon Eliyaas Ilaalcha Sirrii Qabaachuuf Kan Nu Gargaaru Akkamitti?—w14 3/15 ful. 15 key. 12–ful. 16 key. 18 (Daq. 5)
Lakk. 3: “Dhuma Biyya Lafaa” Jechuun Maal Jechuu Dha?—td 24A (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Yaada Ijoo Jiʼichaa: ‘Hundee keessan gad fageeffadhaa, amantiitti dhaabamaa!’—Qol. 2:6, 7.
Daq. 20: “Garaa Namoota Barsiisnuu Tuquu Kan Dandeenyu Akkamitti?” Gaaffii fi deebiidhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisni wal faalleessu lama akka dhihaatu godhi. Namni tokko mucaan isaa akka jalaa duʼee fi amma samii irra akka jiru dubbata. Hojiin argisiisa isa jalqabaa irratti babalʼisaan sun haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee Lallaba 9:5 dubbisuudhaan deebii kenna. Namichis caqasni sun isa hin jajjabeessine, akkasumas deebii gaarii hin kennu. Hojiin argisiisa isa lammaffaa irratti garuu, babalʼisaan sun malaan namichi abdii duʼaa kaʼuu Yohannis 5:28, 29 irratti ibsame irratti akka xiyyeeffatu godha, namichis deebii gaarii kenna.
Daq. 10: Ijoollee Taatanis Maanguddoo, Warra Kaaniif Fakkeenya Gaarii Taʼaa. (Filp. 3:17; 1 Xim. 4:12) Kitaaba Waggaa 2015 (Ingiliffa) fuula 71, keeyyata 2 hanga fuula 72, keeyyata 4, akkasumas fuula 76-77 irratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Obboloonni barumsa argatan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 4 fi Kadhannaa