LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb16 Amajjii ful. 2
  • Mirga Iddoowwan Waaqeffannaa Dhugaa Ijaaruu fi Kunuunsuuf Qabnu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mirga Iddoowwan Waaqeffannaa Dhugaa Ijaaruu fi Kunuunsuuf Qabnu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • KANA GOCHUUDHAAN IRRATTI HIRMAACHUU DANDEENYA:
  • Kun Iddoo Waaqeffannaa Keenyaa Ti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Galmawwan Walgaʼii Keenya Suphuu
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Qophii Iddoowwan Waaqeffannaatiif Godhame
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Hojii Ijaarsaa Yihowaaf Ulfina Fidu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
mwb16 Amajjii ful. 2

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Mirga Iddoowwan Waaqeffannaa Dhugaa Ijaaruu fi Kunuunsuuf Qabnu

Mana qulqullummaa Israaʼel ijaaruun hojii fi baasii hedduu kan gaafatu ture. Haa taʼu malee, Israaʼeloonni hojii kana hinaaffaadhaan deggeraniiru. (1Sen 29:2-9; 2Sen 6:7, 8) Manni qulqullummaa ijaaramee erga xumuramee booda garuu, kunuunsuun Israaʼeloonni namoota hafuuraa taʼuu fi dhiisuu isaanii irratti kan hundaaʼe ture. (2Mot 22:3-6; 2Sen 28:24; 29:3) Yeroo harʼaatti, Kiristiyaanonni Galmawwan Mootummaa fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa ijaaruu, qulqulleessuu fi suphuuf yeroo hedduu dabarsu; akkasumas carraaqqii cimaa godhu. Haala kanaan Yihowaa wajjin hojjechuun mirga guddaa taʼuu isaa irra iyyuu, kutaa tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessinuu ti.—Far 127:1; Mul 7:15.

KANA GOCHUUDHAAN IRRATTI HIRMAACHUU DANDEENYA:

  • Galma Mootummaa keessa naannoo teessumaa qulqulleessaa jiru

    Walgaʼii hunda booda qulqulleessi. Haalli kee kan si daangessu yoo taʼe immoo naannoo teessu qulqullinaan qabuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi.

  • Galma Mootummaa Qulqulleessuu

    Sagantaa dhaabbataa Galma Mootummaa qulqulleessuu fi suphuuf baʼe irratti hirmaadhu. Waliin taʼanii hojjechuun hojichi gammachiisaa fi salphaa akka taʼu godha.—lv 92-93 key. 18.

  • Saanduqa buusii keessa buusii buusuu

    Gama qarshiitiin deggersa gochuudhaan. Garaadhaa “saantiima lama” buusii gochuun illee Yihowaa ni gammachiisa.—Mar 12:41-44.

  • Bakka waaqeffannaa haaromsuu

    Haalli kee kan siif heyyamu yoo taʼe, gamoowwan tiʼookraasii ijaaruu fi haaromsuu irratti fedhiidhaan hirmaadhu. Hojii ijaarsaa irratti muuxannoo qabaachuun dirqama barbaachisaa miti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi