BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 74-78
Hojiiwwan Yihowaa Yaadadhaa
Wantoota gaggaarii Yihowaan hojjete irratti xiinxaluun barbaachisaa dha
Xiinxaluun wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbisne hubachuu fi nyaata hafuuraa garaadhaa dinqisiifachuuf nu gargaara
Waaʼee Yihowaa gad fageenyaan yaaduun hojiiwwan isaa dinqisiisoo taʼanii fi abdii inni nuu kenne yaadachuuf nu gargaara
Hojiiwwan Yihowaa wantoota armaan gadii dabalatu:
Uumama
Waaʼee uumamaa caalaatti barachaa yommuu deemnu, dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabnu caalaatti guddachaa deema
Dhiirota gumii keessatti muudaman
Namoota Yihowaan akka geggeessaniif muudeef bitamuu qabna
Tarkaanfii inni oolchuuf fudhatu
Tarkaanfii Yihowaan saba isaa oolchuuf fudhatu yaadachuun, fedhii fi dandeettii inni tajaajiltoota isaa kunuunsuuf qabu irratti amantii qabnu nuuf cimsa