AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Misiraachicha Lallabuudhaan Gammachuu Argachuu
Lallabuun ulfaataa sitti taʼee beekaa? Baayʼeen keenya gaaffii kanaaf deebii eeyyee jedhu kennina. Maaliif? Tarii naannoo tajaajilaa keenya keessatti yeroo hunda namoota dantaa hin qabnee fi nu mormantu nu mudata taʼa; yookiin nama hin beekne haasofsiisuun nu sodaachisa taʼa. Dhuguma iyyuu, wantoonni akkasii gammachuu keenya nu jalaa xiqqeessuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Waaqa gammadaa gammachuudhaan akka isa tajaajillu barbaadu waaqeffanna. (Far 100:2; 1Xi 1:11) Yommuu lallabnu sababiiwwan akka gammannu nu taasisan sadii kam faʼi?
Tokkoffaa, ergaan nuti lallabnu abdii kan namaaf argamsiisu dha. Hawaasni yeroo ammaatti argamu abdiidhaaf bakka guddaa kan hin kennine taʼu illee, garaa namootaa “misiraachoo wanti caalaatti wayyu akka dhufu” ibsuun guutuu dandeenya. (Isa 52:7, NW) Misiraachoon waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsus akka gammannu nu gargaara. Kanaaf, tajaajila baʼuu keenya dura, eebba Mootummaan Waaqayyoo lafa kanaaf fidu irratti haa xiinxallu.
Lammaffaa, misiraachoon lallabnu qaamaanis taʼe karaa hafuuraa namoota ni fayyada. Wantoota miidhaa geessisan irraa fagaachuu waan barataniif abdii jireenya bara baraa argatu. (Isa 48:17, 18; Rom 1:16) Hojii lubbuu namootaa baraaruu irratti hirmaachaa akka jirru goonee haa ilaallu. Namoonni tokko tokko carraaqqii isaan oolchuuf godhamu kan hin barbaanne taʼan illee, namoota fayyuu fedhan barbaaduu keenya itti haa fufnu.—Mat 10:11-14.
Sababii sadaffaan hunda caalaa barbaachisaa taʼe immoo, hojiin lallabaa keenya Yihowaadhaaf ulfina argamsiisa. Inni hojii lallabaa keenyaaf bakka guddaa kenna. (Isa 43:10; Ibr 6:10) Kana malees, hojii kana galmaan gaʼuu akka dandeenyuuf hafuura isa nuu kenna. Yihowaan gammachuu isa firii hafuuraa taʼe akka isiniif kennu kadhadhaa. (Gal 5:22) Gargaarsa isaatiin wantoota yaaddoo nutti taʼan moʼuudhaan ija jabinaan lallabuu dandeenya. (HoE 4:31) Ilaalchi namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman hojii lallabaa keenyaaf qaban maal iyyuu yoo taʼe, hojii akka lallabnuuf nutti kenname irraa gammachuu argachuu dandeenya.—His 3:3.
Tajaajila irratti ilaalcha akkamii qabaachuu barbaadda? Akka gammaddu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
VIIDIYOO QOʼACHUU FI IRRATTI XIINXALUUDHAAN GAMMACHUU DEEBISANII ARGACHUU JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADIITIIF DEEBII KENNAA:
Jiʼa jiʼaan saʼaatii hedduu hojii lallabaa irratti kan dabarsinu taanu illee, gama hafuuraatiin of sooruuf dursa kennuu kan qabnu maaliifi?
Karaan fakkeenya Meerii itti hordofuu qabnu kami dha?
Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluuf yeroo akkamii ramadde?
Misiraachicha yommuu lallabdu wanti gammachuu siif argamsiisu maali dha?